Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qilleensa Qorraa Cimaa Amerikaa Keessatti Mudateen Yoo Xiqqaate Namoonni 9 Du'uun Gabaasame


Qilleensa Qorraa Cimaa Amerikaa Keessatti Mudateen Yoo Xiqqaate Namoonni 9 Du'uun Gabaasame
Qilleensa Qorraa Cimaa Amerikaa Keessatti Mudateen Yoo Xiqqaate Namoonni 9 Du'uun Gabaasame

Kentaakii keessatti namoota saddeet dabalatee haala qilleensaa hamaa dhiheenya kana Yunaaytid Isteetis mudateen yoo xiqqaate namoonni sagal du’aniiru.

Prezidaant Doonaald Tiraamp Dilbata darbe kana labsii yeroo balaa hatattamaa bulchiinsa kanaaf kan raggaasisan yoo ta’u, Ejensiin Bulchiinsa Balaa Tasaa Federaalaa tattaaffii gargaarsaa guutuu bulchiinsa kanaa keessatti akka qindeessu aangoo kennanii jiru.

Bulchaan kutaa Kentaakii Andii Beshiir akka jedhanitti, namoonni dhibbaan lakkaa’aman lolaa tasaa mudate irraa baraaramaniiru. Isaan akka jedhanitti, haadha fi daa'ima ganna 7 dabalatee du'a hedduun isaanii konkolaattonni bishaan olka'aa keessatti qabamuu irraa kan maddee dha.

"Kanaaf yaa sabaa, yeroo ammaa kana daandii irraa fagaadhaa lubbuun jiraadhaa" jedhan. "Kun marsaa barbaachaa fi baraarsaati, lammiileen Kentaakii kanneen ala jiran hunda deebii kennuudhaan, lubbuu isaanii sarara irra kaa'uu isaaniitiin baay'een boona."

Beshear akka jedhanitti, erga obomboleettiin sambata dabree jalqabee as guutuu bulchiinsaatti namoonni 1,000 baraaruun isaanii ni yaadatama. Obomboleettiin kun humni ibsaa manneen gara 39,000 ta’an kan kuffise yoo ta’u, Beshear garuu qilleensi hamaan naannoo tokko tokkotti humni ibsaa addaan cituu dabaluu akka danda’u akeekkachiiseera.

Yunaaytid Isteetis harki guddaan haala qilleensaa qorraa cimaan isaan mudachaa jira. Dirreewwan gama Kaabaa qorri lubbuu namaa balaa irra buusu kan mudate siʼa taʼu, obomboleettiin cimaan Joorjiyaa keessatti mudateen namni tokko duʼeera. Kutaalee Niiww Inglaand fi New York gama kaabaa keessatti cabbii cimaan akka mudatuu eegamaa jira

Forum

XS
SM
MD
LG