Xurree ittiin seenan

Breaking News

HaleellaaYunaayitid Isteetis Xayyaara Waraanaatiin Dilbata Kaleessaa Geggeessiteen Hidhattoonni Garee Shororkeessotaa 16 Ajjeesamuun Himame

Yunaayitid Isteetis haleelaa xiyyarra waraanaatiin Dilbata kaleessaa Somaaliyaa keessatti raawaateen hidhatoonni garaa IS 16 ajjeefamuu isaanii anga’onni Wixata har’aa beeksisaniiru.

Dubbii himaa dhimma nageenyaa kutaa Puuntiilaand kan ta’an Bergadeer Jeneraal Mohaammud Mohammee Ahmed akka sagalee Amerikaa kutaa Afaan Somaliyaati himaniitti, haleellaa kanaan miseensonni gameessi dhaabbichaa kaneen garee boombii hojjatu hogganan lama kanneen ajjefaman keessatti argamu.

Haleellaan kun kan raawwatamee gargaarsaa Yunaayitid Isteetisii fi UAEtin akka ta’e kan ibsan Jeneral Ahmed hoggantoota ajjeefaman addaan baafachuudhaaf aanga’onni hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.

Afrikaatti Ajaji waraanaa Yunaayitid Isteetis AFRICOM Wixata har’aa akka beeksisetti haleellaa Xiyyaara waraanaa kaaba baha Somaliyaa keessatti raaw’atameen hoogganoonni IS Somaliyaa lama Ajeefamuu isaanii mirkaneeseera.

Haleellaan Dilbata kaleesaa raawatame kun ji’a tokko keessatti yeroo lammafaadhaaf yemmuu ta’u haleellaa Guraandhala 1 bara 2025 raawateen miseensonni garee IS 14 ajeefamuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG