Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aangawoonni Mootummaa Yunaayitid Isteetis fi Kan Mootummaa Raashiyaa Saawudii Arabiyaa Keessatti Wal Arganii Mar’atanii Jiru


Faayilii- Ministeera haajaa alaa Raashaa Sergeey Laavroov fi ministrii haajaa alaa Riyaad
Faayilii- Ministeera haajaa alaa Raashaa Sergeey Laavroov fi ministrii haajaa alaa Riyaad

Aanga’onni olaanoon mootummaa Yunaayitid Isteets fi mootummaa Raashaa Sa’ud Arabiyaa keessatti wal arguudhaan waltii dhufeenyaa biyyoottan lammanii fi akkaataa walwaraansaa Yuukireen fi Raashaa giduutti taasifamaa jiru xumuruun danda’amu irraatti marii Saa’atii dheeraa taasisanii jiru.

Gama Yunaayitid Isteetsin gareen ministira dhimmaa alaa Markoo Ruubiyootiin durfamu, kan gorsaa dhimmaa nageenyaa motummaa Yunaayitid Isteets Mike Waaltiiz fi walakeessa bahaatti jiila addaa Yunaayitid Isteets kan ta’an Stiiv Wiitkoof kan of keessaa qabuudha .

Gareen Raashaa immoo ministiraa dhimma alaa Sargeey Lavaroov fi gargaara prezidaant Vilaadimiir Putiin Yuurii Ushakoov kan of keessa qabu akka ta’e ibsameera.

Mariin isaanii inni ammaa, marii fuula duratti prezidaantiin Yunaayitid Isteets Doonald Traampi fi Prezidaantiin Raashaa Vilaadimiir Putiin kallatiidhaan taasisanuuf haala mijeesuudhaaf ajandaa tolchuuf akka ta’e bakka bo’oonni gareewwan lammanuu beeksisaniiru.

Marii kana irratti akka hin afeeramne kan ibsaan Prezidaantiin Yuukireen Volodemiir Zeleniskii Roobii borii Yuukireenitti jiila addaa Yunaayitid Isteets kan ta’an Ke’ixz Keloog keesumeesuudhaaf akka jiran ibsameera.

Dhimma Yuukireen irratti walitii dhufenyii Yunaayitid Isteets fi Raashaa kan isaan yaaddesee hogantoonni biyoottan Awurooppaa dhimmaa marichii Yukreeniin hirmaachisuu qaba jedhuufi dhimmaa egeree nageenyaa isaanii irratti Wixata kaleessa magaala Paariis keessatti wal arganii marii taasisaniiru.

Walgahii biyyootan Awurooppa kan irratti dhimmaa umna naga ‘eegdotaa Awurooppaa Yuukireen keessatti bobbaasuu irratti mootummaan Birteenii fi mootummaa Siwidin yaada kan dhiheessan yemmuu ta’u, hogganaan mootummaa Jarman Chaansileer Olaaf Shuulz, dhimmaa kana irratti marii taasisuun waan yeroon isaa hin geenyeedhaa jedhaniiru.

Dhimaa Raashaa fi Yuukireen ilaalchisee haasa kan taasisan Prezidaantiin biyya Faransaay Imanu’eel Maakroon, ''Yuukireen keessatti nagaa ciminaa fi waaraa barbaanna, Kana galmaan ga’uuf immoo Raashiyaan weerara ishee xumuruu qabdi, kunis wabii nageenyaa cimaa fi amanamaa Yuukireenotaaf kenuudhaa wajjin ta’uu qaba,” jedhaniiru.

Walgahii Paarisii boodaa Prezidaantii Yunaayitid Isteets Doonald Traampii wajjin haasa’uu isaanii kan ibsan prezidaantiin Faraansaay Imanu’eel Makaroon, waliin hojjannaan Yunaayitid Isteets fi Yuukireen Awuroopaadhaaf barbaachisaa akka ta’e ibsuu isaanii beeksisaniiru.

Prezidaantiin Yuukireen Velodemiir Zeleniskii gama isaaniitiin, wabiin nageenyaa cimaan jiraachuu baanaan, Raashaan irraa deebitee Yukreenii fi biyoottan Awurooppaa biro weeraruuf deemtii jedhaniiru.

''Nageenya cimaa fi waaraa mirkaneessuun dirqama akka ta’e kan ibsan prezidaantiin Yukreen, sunis kan fiixaan bahuu danda’u yoo wabiin nageenyaa cimaan jirrate qofa akka ta’e akeekkachisuu isaanii maddaawwan oduu gabaasaniiru.

Forum

XS
SM
MD
LG