Gareen Finciltootaa Rippaabiliikii Demokraatawaa Koongoo keessatti mootummaa lolaa jiruu magaalota biyyaatti too’anno jala ollfate Goomaa fi Bukaavuu keessatti ijoollewan irratti yakka raawachuu isaa dhaabbannii mootumoota gamtoomanii beeksiseera.
Waajjirri jaarmiyaa mirga namoomaa kan dhaabbata mootummoota gamtoomanii, qibxata har’aa ibsa kenneen, haalli baha koongoo keessatti mulachaa jiru hammaachaa deemu isaafi sarbiinsa mirga namoomaa hamaan uumamaa akka jiru beeksiseera.
Gareen M23 jedhamuu fi inni mootumma Ruwaandaatin degeramu, torban kana keessa yemmuu magaala Bukavu keessa seenu ijooleewwan irratti ajeechaa raawachuu isaaf akka raga qaban dubbi himtuun wajjira miraga namoomaa dhaabbata mootumoota gamtomanii Raavinaa Shamdaasanii Jeneva keessatti oduu gabaastotatti himaniiru.
Ijoollewwan ajjeefamuudhaa alatis, akka dirqamanii meeshaa waraanaa hidhatan akka taasifaman raga qabaachuu isanii kan ibsan Raavinaa Shamdaasani, ijooleewwan irratti hokkorri saalaa akka raawatamaa jirus ibsaniiru.
Gareen M23 magaala kuta Kiivuu kaabaa Gomaa ergaa qabatee booda, gara kutaa olla Kiivuu Kibbaatti ce’uudhaan magaala guddicha kutichaa Bukaavuu Sambata dheengadaa too’atee jira.
Magala Bukaavuu keessaati namoottan miidhaan irra gahee irraa waamichii eegumsaa taasisuu akka dhaabata mootumoota gamtoomanii qaqqabaa jiru kan ibsan dubbi himtuun jarmiyichaa, abbootiin murtii fi oggyonni seeraa , gaazexesoonni, wareen mirga namoomaaf falman, miseensonni dhaabbilee hawaasa siviilotaa dhiibaa irraa gaheen naanichaa gadi lakkisaanii akka bahan taasifamuu isaanii, kaneen bahuu hin dandeenye immoo magaala Goomaa fi Bukaavuu keessaati qabamanii akka jiran himaniiru.
Gochii garee M23 fi waraana Ruwaandaatiin raawwachaa jiru yakka Sarbiinsa namoomaa adduunyaa akka ta’e dubbi himtuun jarmiyaa mirga namooma kan dhaabata mootumoota gamtoomanii eruun isaanii gabaasameera.
Forum