Hoggantoonni Awurooppaa Wiixata kaleessaa Paarisitti walgahii hatattamaa geggeessuun nageenya Yukireen fi Awurooppaa irratti mari’atanii jiru. Akka Heenrii Riijwell gabaasetti, walgahiin kun kan dhufe erga giddu-seensawwan dippilomaasii Yunaaytid Isteetis cicha isheen waliigaltee biyyoota kaaba Atlaantiik'f qabdu kan nageenya Awuroopaaf bu’uura ta’e mamii keessa galee booda.
Forum