Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hamaas Reeffa Lammiiwwan Israa'el Afurii Booji'amanii Ajjesaman Israa'elitti Dabarsee Kennee Jira


Hamaas Reeffa Lammiiwwan Israa'el Afurii Booji'amanii Ajjesaman Israa'elitti Dabarsee Kennee Jira
Hamaas Reeffa Lammiiwwan Israa'el Afurii Booji'amanii Ajjesaman Israa'elitti Dabarsee Kennee Jira

Hamaas reeffa namoota Israa’el booji’aman afur Kamisa har’aa kan gadhiise yoo ta’u, konkolaattonni Fannoo Diimaa saanduqa reeffaa magaalaa kibba Gaazaa Kahan Yoonis irraa fudhatee jira.

Bakka walharkaa fuudhinsa kanaatti, hidhattoonni saanduqa reeffaa gurraacha alaabaa fi faajjii of irraa qabu itti uwwisanitti namoonni dhibbaan laka’amu argamaniiru.

kanneen Kamisa gadhiifaman keessaa daa’ima ennaa qabame umuriin isaa ji’a sagalii Kfir Bibaas, obboleessa isaa ganna 4, Ariel Bibaas fi haadha isaanii, Shiri Bibas turan. Waxabajjii 7, 2023 Kibbuuz Niir Ooz irraa Hamaasiin butamanii fudhataman.

Hamaas akka jedhutti ijoolleen dhiiraa fi haati isaanii Sadaasa bara 2023 haleellaa xiyyaaraa Israa’el raawwateen ajjeefaman. Abbaan isaanii Yaarden Bibaas addatti butamanii jalqaba baatii kanaa lubbuun deebi'aniiru.

Reeffi jiraataa magaalaa Niir Ooz kan Odeed Lifshiiz, kan yeroo mana isaanii irraa butamanii fudhataman umuriin isaa waggaa 83 ta'es akkasumas reeffi isaanii gad dhiisameera.

Muummichi ministeeraa Israa’el Beenijaamin Netaaniyaahuu Kamisi har’aa biyya isaaniif “guyyaa gadda” ta’a jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG