Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jeequmsi Ripaablikii Dimoktaatawaa Koongoo Keessaa Hammaataa Adeemuu Tokkummaan Mootummootaa Beeksise


Jeequmsi Ripaablikii Dimoktaatawaa Koongoo Keessaa Hammaataa Adeemuu Tokkummaan Mootummootaa Beeksise
Jeequmsi Ripaablikii Dimoktaatawaa Koongoo Keessaa Hammaataa Adeemuu Tokkummaan Mootummootaa Beeksise

Golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa jeequmsaa fi waldhabdee naannoo Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti mul’ate irratti bal’inaan mari’achuu itti fufeera.

Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo bakka bu’uun kan dubbatan Tereezaa Kayikwambaa Waagner erga finciltoonni M23 magaalattii qabatanii as magaalaa Gomaatti namoonni 4000 ol du’aniiru jedhan.

Miisteera dhimma alaa Rippaablikii Dimokraatawaa Koongoo Tereezaa Kayikwaambaa Waagner akka jedhanintti , manni maree kun tarkaanfii fudhachuu qaba, manni maree kun socho’uu qaba. Kana booda balaa mul’achaa jiruuf callisee ragaa ta’ee turuu hin danda’u. Yeroon falmii qofa geggeessuu darbeera. Amma yeroon itti qajeeltoowwan maalummaa dhaabbata kanaa kabachiisuu amma jedhan.

Nagaa, nageenyaa fi seera saddarkaa addunyaaf kabajaa kennuun amma, Seera sadarkaa addunyaa kan addunyaa maraa fi hunda ilaallatu. Furmaati Afrikaa irraa akka dhufu osoo barbaadamee illee namoonni nagaa ajjeefamanii callisanii bira dhaabbachuun furmaata akka hin taanee fi haalli akkasii kan keenya kan warra Afrikaa akka hin taane beekamaa dha jedhan.

Gareen finciltootas M23 magaalaalee ijoo lama Gomaa fi Bukaavuu kan biyya albuudaan badhaate Koongoo keessaa ji’a tokko yeroo hin guunne keessatti qabatan. Kunis edrga waggoota dheeraaf humnoonni Koonkoo garnalee dhiphina keessa seenanii fi humni isaanii laaffataa ta’e irratti lolli guddaan erga geggeessamee booda.

M23 gareewwan hidhatan 100 ol qabeenya albuudaa baha Koongoo doolaara tiriliyoonaan lakkaa'amu kan teknooloojii addunyaa baay'eedhaaf murteessaa ta'e to'achuuf dorgoman keessaa isa beekamaadha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG