Bulchiinsi Prezidaant Tiraamp waraana Raashiyaa fi Yukireen akka xumuramu gochuuf maanguddummaan ilaaluuf yeroo jedhu kanatti, lammiileen Yukireen hedduun maneen isaanii eega dhabanii booda, dhugaa jiru fudhatanii jireenya deebi’anii jalqabuuf wal’aansoo qabaa jiru.
Tokkummaan Mootummoota akka jedhutti, lammiileen Yukireen miliyoona sadii fi walakkaan biyya ofii keessaatti manaa fi qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Pirojektiin tokko mana jireenyaa fi hojii haaraa akka argatan kan gargaaru yoo ta’u, misooma gandoota xixiqqoos ni gargaara. Gabaasa Lesia Bakalets naannoo Kiiv irraa ergiite Jaallanneetu dhiheessa.
Forum