Hamaas akka waliigaltee nagaa Israa’el waliin taasifameetti reeffa booji’amtuu Shirii Biibaas jedhamtuu kennuu dhabuu isaatiin “gatii baasa” jechuun Muummichi ministeera Israa’el Beenjaamin Nataaniyaahuun Jimaata har’a dubbatanii jiru.
"Reeffa Shirii fi booji’amtoota keenya hunda lubbuun jiranii fi du’an waliin gara manaatti fiduuf kutannoodhaan ni sochoona,akkasumas Hamaas tarkaanfii gara jabinaan hamaan waliigaltee kana cabsuu isaaf gatii guutuu akka kaffalu ni mirkaneessina,” jechuun Netaaniyaahuun ibsa viidiyoo kennaniin dubbataniiru.
"Abbaa isaanii Yarden Bibaas, haadha umrii alfii Shirii fi daa'imman isaanii xixiqqoo lamaan haala yaaduu hin dandeenyeen butachuu qofa osoo hin taane, Shirii ijoollee ishee xixiqqootti deebisuu dadhabaniiru, kanaa mannaa reeffa dubartii Gaazaa saanduqa du'aa keessa kaa'aniiru," jedha.
Hamaas Jimaata har’a akka jedhetti haleellaan xiyyaaraa Israa’el bakka Shiri Babaasitti hidhamte jirtu rukutee sana booda, reeff namaa biroo caccabaa jiru keessa ture waliin kan makame fakkaata jechuun dhaabbata oduu Rooytarsiif ibsee jira.
Reeffi namoota Israa’el booji’amanii sadii fi reeffi dubartii afraffaan eenyummaan ishee hin beekamne Kamisa darbe Israa’eelti kan deebi’e yoo ta’u, kunis dhukaasa dhaabuu Israa’elii fi garee hidhattoota Hamas gidduutti taasifameen ture.
Kanneen Kamisa gadhiifaman keessaa booji’amtoota daa’ima kan yeroo butame ji’a 9 ture, Kfir Bibaas, fi obboleessa isaa ganna 4, Ariel Bibas keessa jiru. Reeffi haadha isaanii Shirii Bibaasis gadi lakkifamuu qaba ture.
Forum