Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan Waliigaltee Mallatteessan


Itiyoopiyaa fi Somaaliyaa Walii galtee Itiyoopiyaan gurmuu gamtaa Afriikaatti haammatamuuf irra ga'ame
Itiyoopiyaa fi Somaaliyaa Walii galtee Itiyoopiyaan gurmuu gamtaa Afriikaatti haammatamuuf irra ga'ame

Qondaaltonni nageenyaa Somaaliyaa fi Ityoophiyaa ergama haaraa Gamtaa Afriikaa biyyattii keessaa qabuutti, waliigaltee hirmaannaa loltoota Ityoophiyaa mirkaneessu mallatteessanii jiru.

Waliigalteen kun dhuma torbee darbe jilli Ityoophiyaa hogganaa waraanaa, Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan durfamu, Daayreekteera tika nagaa kan Itoophiyaa Redwaan Huseen waliin ta’uun, gita isaanii Somaalee Jeneraal Odawaa Yuusuf Raagee fi Abdullaahii Mohaammad Alii Sanbalolshee waliin wal arganii booda.

Miidiyaaleen mootummaa Somaaliyaa fi Ityoophiyaa lamaanuu daawwannaa kana mirkaneessaniiru.

Dhaabbanni Oduu Biyyoolessaa Somaaliyaa (SONNA) akka jedheetti, mariin gaggeeffame kun, kan farra shororkeessummaa, tasgabbii naannoo fi gahee humnoonni Itiyoophiyaa Ergama Deeggarsa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa kan Somaaliyaa keessatti qaban irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibseera.

“Hoggantoonni Rayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa hojii deeggarsa nagaa Gamtaa Afrikaa keessatti qabu cimsanii kan ibsan yoo ta’u, ergama Deeggarsa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa keessatti haala Humna Rayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa irratti waliigalaniiru,” jedha ibsi SONNAn maxxansee.

Ibsi qabxii sagal qabu kun akka jedhutti, gamnii lamaan “wal-dhabdee Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa fi Rippabiliika Federaalaa Somaaliyaa gidduutti taasifamu kamiifuu Mootummaan Federaalaa Somaaliyaa tokkicha bakka ittiin seensaa akka ta’uu fi kanaanis abbaa biyyummaa, kabajamuu daangaa fi tokkummaa ummata isaa kabajuuf waliigalaniiru” jedha.

Itoophiyaan bara 2012 irraa eegalee qaama ergama Gamtaa Afrikaa kan turtee ta’uus, walii galteen walfalmisiisaa qaqqabummaa galaana Itiyoophiyaan kan addaan baate Somaaleelaandii waliin Amajjii 1 bara 2024 mallatteessitee turte, Somaaliyaan waliigaltichi “abbaa biyyummaa fi daangaa ishee cabsuudha” jettee mormuun ishee ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG