Abban alangaa mana murtii yakka aduunyaa kariim Kahaan magaalaa gudichaa RDK Kinshaasaa kan gahan, ergaa gareen fincilitootaa M23 jedhamuufi waraana biyya Ruwaandaatiin degeramu baha biyyichaa keessatti erga bara 2021tii as yeroo jalqabatiif maggalootaa gurguddoo lamaa qabachuun isaa mirkanaa’ee booda.
Kaariim Kahaan akka magaala kinshaasaa gahaniin ibsa kennaniin, baha RDK keesaatti haalii mudachaa jiru akka isaan yaadesse ibsanii , “gareen hidhate loluu fi waraanii mootummaa kamiyyuu, gareewan fichiltootaa wajjin hariiroo qaban kamuu , seera namoomaa aduunyaatiif aboomamuu qabuu” jedhaniiru.
"Ummanni Rippaablikii Dimoktaatawaa Koongoo akkuma ummata Yuukireen, akka ummata Israa'el fi Falasxiin, akka shamarran ykn dubartoota Afgaanistaan kaneen bakka guddaa qabanuudhaa” kan jedhan abban alaangaa mana murtii yakka adduunyaa, turtii isaanii keessatti, prezidaantii Rippaablikii Dimoktaatawaa Koongoo Feliiks Teshiisekeedii, minstroota mootummaa, Rippaablikii Dimoktaatawaa Koongooti bakka buutuu barreessaa muumee dhaabbata mootumoota gamtoomanii Binito’uu Ke’itaa, bakka bu’ootaa hawaasa siviilotaa fi maatiiwwan wareen waraanaan midhaan irra gahe wajjin akka dubbatan waajjiri isaanii Qibxata har’aa beeksisee jira.
Manni murtii yakka adduunyaa dhimma yakka Rippaablikii Dimoktaatawaa Koongookeessatti raawwate ilaalchisee qorannoo kan jalqabee bara 2002 keessaa yemmuu ta’u, ergasii as yakkaawan biyyatti keessatti raawwatamaniin walqabatee namoottan Sadii irratti murtoo adabbii dabarsee jiara.
Bara 2023 immoo yakka bara 2022 kutaa Kaaba Kiivuu keessatti raawwte irratti qorannoo jalaqabee jira.
Daawwannan Abaan alangaa mana murtii yakka adduunyaa yeroo amma biyyatii keessatti taasisaa jiran dhimmaa qoraanoowwan adeemaa jiranuu wajjin kan walqabatee akka ta’e ibsameera.
Forum