Pireezidantiin Amerikaa Doonaald Tiraamp wal waraansa Yukireen fi Raashiyaa gidduu Yukreen keessatti gaggeeffamu dhaabsisuuf waliigaltee argamsisuutti dhiyaachuu isaanii ibsanii jiru.
Kunis guyyaa guutuu walgahii Waayit Haawus keessatti hogganaa Faransaay, Imaanu’eel Maakroon waliin taasifameen booda. Awurooppaan gahee guddaa akka fudhattu gaafataniiru. Paaris immoo Moskoo irraa mirkanii dabalataa akka argattuuf dhiibaa jirti. Aniitaa Paawel Waayit Haawus irraa kan gabaaste Jaallanneetu dhiyeessa.
Forum