Jaappaan keessatti waggoota kurna sadii darbaniif Ibidda Bosoonaa mudatee hin beeknee dhaamsuuf, ogeeyyiin 1700 ta’an carraaqaa kan jiran ta’u angawoonni har’a ibsanii jiru.
Jiraattonni gara 4,600 ta’an gorsa baqachuu akka malan ibsuu jala jiru. Torban darbe naannoo Iwaatee kaabaa jedhamtu keessatti balaa ibiddaa mudateen namni tokko du’eera.
Kunis naannoo sanatti roobii argamee gadi aanaa ta’u fi bara darbe guutuummaatti Jaappaan keessatti baatii ganna ho’aa hamaa galmeesisee sana hordofee dhufe.
Ibiddi naannoo magaalaa Ofunatoo mudate Kamisa irraa eegalee gara hektaara 2,100 gubuu isaa Bulchiinsii Dhaabbatti ittiisa Ibiddaa fi balaa Wiixta har’a beeksiseera.
Kutaalee Jaappaan 14 irraa ogeessonni ibidda dhaamsuuf kan dhufan yoo ta’u kan magaalaa Tookiyoo dabalatee ibiddicha ittisaa kan turan yoo ta'u, helikooptaroota 16 – kan waraanaa dabalatee abidda dhaamsuuf yaalaa jiru.
Abiddi kun hanga Dilbataatti gamoo 84 irratti miidhaa akka geessise tilmaamameera, Haa ta’u malee badiin dhaqqabee gad fageenyaan ammallee ilaalamaa akka jiru Dhaabbatichii beeksisee jira.
Forum