Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taarif Bulchiisni Tiraamp Meeshaalee Kanaadaa, Meksikoo fi Chaayinaa Irraa Galan Irra Kaa’e Amma Hojiirra Oolee Jira


Taarif Bulchiisni Tiraamp Meeshaalee Kanaadaa, Meksikoo fi Chaayinaa Irraa Galan Irra Kaa’e Amma Hojiirra Oolee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:11 0:00

Bulchiinsi Doonaald Tiraamp Labsii Taarifaa Kanadaa, Meksikoo fi Chaayinaa Irratti Labsame Har'a Hojiirra Oolchuu Jalqabe

Dilaalli yokaan Taarifni Bulchiinsi Prezidaant Tiraamp meeshaalee biyyoota ollaa lameen, Kanadaa fi Meksikoo irra, akkasumas biyya Chaayinaarraa galfamu irra kaa’e har’a hojiirra ooluu eegalee jira.

Bulchiinsii Doonaald Traamp, sababba godaantotaa seeraan alaa daangaa ce’anii galanuufii sababa qorichaa lubbuu nammatiif bala qabeessa ta’e Faantaniil jedhamuu karaa seeraan alaa daangaa isaanii ce’’anii Yunaayitid Isteetsn seenaa jira jechuudhaan biyyoottan olla Kanadaa fi Meeksikoo irraati labsiin taarfaa dabarsee dhibeentaan 25 qibxa ahar’aatii jalqabeeojii irraa oolu akka jalqabeen biyyootaniis deebii kennanii jiru.

Erga Doonald Traamp labsicha raggasisanii booda, kan ibsa kennan muummichii ministeeraa mootummaa Kaanadaa Jastiin Truudoo, “ murtoo haqa qabeensa hin taanee kanaaf ittu deebii hin kenini hin hafnu” jechuudhaan, meeshaawan daldalaa Yunaayitid Isteets irraa garaa Kaanadaa Seenanu Doolaara Biiliyoona 100 fi Biiliyoona 55 ti shalagaman irratti taariifaa dhibeentaa 25 kaa’uu isaanii labsaniiru.

Daddabarsaa qoprichaa Feentaniil jedhamu too’achuudhaaf tarkaanfii mootummaan isaanii fudhateen ji’a Muddee bara 2024 irra kaasee amma Amajii bara 2025 ti dhibeentaa 97 gad bu’uu isaa muumichio ministiraa Kanaada ibsaniiru.

Biyii isaanii omisha dhibeentaa 80 ta’u gara gabaa Yunaayitid Isteets ti akka ergitu kan ibsan prezidaantiin biyya Meeksikoo Kilaa’udiyaa She’iboom labisii taarifaa biyyaa isaanii irratti darbe akka haaloo bahan beeksisaniiru.

Qorchaa samuu namaa adoochuu karaa Meeksikoo gara Yunaayitid Isteets seenu too’achguudhaaf loltootaa kuma 10 ta’an daangaa irratti bobbasuu isaanii Prezidaantiin Meeksikoo ibsuun isaanii ni beekama.

Mootummaan Yunaayitid Isteets akka dabalee beeksisetti labsiin taarifaa mi’aawwan Chayinaa irraa gara Yunaayitid Isteets seenan irratti dhibeentaan 10 qibxata har’atii kaasee hojii irra oolee jira.

Tarkaanifiin mootumma Yunaayitid Isteets kun seeraa dhaabbata daldala Aduunyaa kan cabsuu akka ta’e kan ibsee mootummaan Chaayinaa , Bitootessa 10 bara 2025ni kaasee omishaawwan Yunaayitid Isteets irraa gara Chaainaa dhaqan kan akka foon hindaaqqoo, qamadii, boqolloo fi Jirbii irratti dhibeentaa 10, akkasumas, omisha garbuu, foon booyee, foon sa’aa, kuduraa fi muduraa, akkasumas Aannan irratti taarifa dhibeentaa 15 kaa’amuu isaa beeksiseera.

Doonaald Traamp ibsa dhiheenya kan miseensota kaabinee isaniitiif kennaniin meeshaawan biyoottan Awurooppaa irraa galanuu irratti dhiheenyatti Taarifa dhibeentaa 25 akka labsuuf jiran ibsanii jiru.

Doonaald Traamp Taarifaa kaa’un isaani,i kaampanonni biyyaa alaa akka Yunaayitid Isteets keessatti omishan taasisuudhaan biyya gargaaranuuf jedhanus, ogeeyyonii diinagdee heduun garuu, daballiin taarifaa akka gatiin mi’aawanii ol ka’u taasisee qaala’insaa jireenyaa uuma jechuudhaan yaaddoo isaanii ibsa jiru.

Forum

XS
SM
MD
LG