Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xiyyaaroonni Waraanaa Kooriyaa Kibbaa Shaakala Irra Turan Dogoggoraan Haleellaa Boombii Raaw’ataniin Yoo Xiqqaate Namoonni 15 Madaa’an


Ennaa shaakala waraanaa Jeettiin waraana Kooriyaa kibbaa dogoggoraan kutaa siiviloonni jiraatan irratti boombii dhukaaseen aaraa fi arrabni ibbiddaa belbelu argame
Ennaa shaakala waraanaa Jeettiin waraana Kooriyaa kibbaa dogoggoraan kutaa siiviloonni jiraatan irratti boombii dhukaaseen aaraa fi arrabni ibbiddaa belbelu argame

Kooriyaa Kibbaatti xiyyaarri humna waraanaa shaakala irra jiru dogoggoraan ganda baadiyyaa namoonni jiraatan irratti halleellaa boombii raawwateen yoo xiqqaate namoonni 15 madaa’aniiru.

Hooggantoonni Kooriyaa Kibbaa fi miidiyaaleen Kamis har’aa akka gabaasaniitti xiyyaarroonni humna waraanaa lama kanneen shaakalarra turan dogoggoraan ganda baadiyaa kan Kaaba Kooriyaa irraa fageenya Kiiloomeetira 25 irratti argamutti dogoggooraan halleellaa boombii raawwataniin namoota lama irra miidhaa cimaa yommuu geessisu walumaa galatti yoo xiqqaate namoonni 15 madaa’aniiru.

Angawaoonni ministira humna waraanaa Kooriyaa Kibbaa akka ibsanitti boombiiwwan Afur kan ulfaatina Kiiloogiraama 226 qaban daangaa shaakallii sanaan alatti bu’uun balaan kun kan dhaqqabe. Balaa dirree leenjii ibidaa Siiyuunjiin , kan Poochiyoon keessatti argamutti dhaqqabe Kanaan lakkoofsi miidhaa dhaqqabee dabaluu akka danda’u maddeen oduu kan gabaasaa jiran yommu ta’u Charchii tokkoo fi gamoowwan torba biroo irras miidhaan dhaqqabeera.

Angawoonni humna waraanaa Kooriyaa kibbaa ibsa kennaniin balaan kun kan dhaqqabe dogoggora qindoominaatiinidha jedhanii qorannoon dabalataa hanga gaggeeffamutti shaakkalli dhukaasaa humna waraanaa Yuunaayitid Isteetisi waliin taasiifamu akka dhaabbatu taasifameera jedhaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG