Addunyaa irraa wagga darbe haleellaan shororkeessotaa hamaan Afriikaa keessatti kan raawwatame yoo ta’u, naannoon Saahel wiirtuu shororkeessummaa addunyaa irraa ta’ee waan tureef shorokeessumaa waliin wal qabatee lakkoobsi namoota du’anii walakkaa dhaa ol naannoo kana keessatti ta’uu gabaasi waaltaa “Institiute for Economics and Peace” jedhamu kan shororeessummaa addunyaa irraa hordofu kan bara 2025 beeksiseera.
Haleellaa lubbuu namaa galaafate 20 akka addunyaatti galmaa’e keessaa 17 Afrikaa keessatti kan raawwataman yoo ta’u, biyyoota lama qofa keessatti kan raawwataman keessaa kanneen lubbuu namaa galaafatan sadan ol’aanoon dabalatee, Niijer fi Burkina Faasoo, bara darbe ji’a Waxabajjii, Adoolessaa fi Hagayya keessa lubbuu namoota 607 galaafataniiru jechuun gareen qorannaa Awustiraaliyaa keessa maadheffatee beeksisee jira.
Lakkoobsi namoota du’anii erga beeksisamee booda wagga dhuma kana keesa yeroo jalqabaaf lakkoobsi namoota walitti bu’iinsa naannoo Saahel keessaan dhumanii kuma 25,000 yoo ta’u, kanneen keessaa 3,885 shororkeessummaan kan wal qabatu ta’uu gabaasni kun ni mul’isa.
Burkina Fasoonis shororkeessummaan miidhaa hamaa biyyoota keessatti dhaqqabsiise keessaa sadarkaa gara olii irra jirti. Biyyoonni Afriikaa kanneen akkaan miidhaan irra ga’e Maalii, Niijer, Naayijeeriyaa, Somaaliyaa fi Kaameeruuntu keessatti argama.
Biyya akkaan miidhamte taatus, ajjeechaa fi haleellaaleen Bukina Fasoo keessaa gad xiqqaatee jira Kunis dhibba irraa harka 21% fi dhibba irraa harka 57%n gad xiqqaateera. Garuu biyyattiin ammallee du'a shororkeessummaa addunyaa irratti raawwatame hunda keessaa harka shan keessaa tokkotu keessatti raawwatame.
Gabaasichi itti dabaluu dhaan yoo xiqqaate biyyoonni balaan shorokeessummaa keessatti mudate 58 irraa gara 66tti ol ka’uu isaa galmeessee jira. Gareen Islaamummaa (IS) fi dhaabbileen isaa waliin hidhata qaban biyyoota 22 keessatti du’a namoota 1,805 ta’uuf kan itti gaafataman ta’uu gabaasni kun ni mul’isa.
Bara 2024 keessa du’e sho.rorkeessummaan wal qabate gara 7,555tti gad ciabee jira, kunis kan wagga duraanii irra dhibba irraa harka 13%n gad cabuu gabaasichi eeree jira.
Duuti kun hir’achuun haleellaa garee Yunaayitif Isteetisiin shororkeessummaan moggaafame Hamas kan onkoloolessa 7 haleellaa geggeessuu isaa hedduu waan tureef jecha.
Forum