Yeroo addunyaa irratti mirga dubartoonni ciminaan argatan duubatti deebi’uun mul’achaa jirutti Roogeeyyiin dubartootaa Jimaata kaleessaa Tokkummaa Mootummoota keessatti sagalee isaanii dhageessisan,
Guyyaan Dubartoota Idil-addunyaa humna guddaa kan qabu yoo ta'u, bara kanas yeroo kamiyyuu caalaa waamichi walqixxummaa saalaa akka ariifachiisaa ta'ee fi danqaan karaa Dubartootaaa irra jirus kana caalaa mul'atee hin beeku jedhamm jira.
Garuu kutannoon keenya kana caalaa kan hin raafamne ta'ee hin beeku, jedhan Tokkummaa Mootummootaatti daayreektarri olaantuun dhimma Dubartootaa Simaa Baahous.
Baahous dubartoonni bakka hundatti argaman duubatti deebi’iinsa kana dura akka dhaabbatan waamicha dhiyeessan, sochiin Dubartootaa humna guddaa kan qabuu fi guddachaa akka jiru cimsanii dubbataniiru.
"Walqixxummaan sodaatamu osoo hin taane, garuu hammatamuudha," jedhanii kanaafis sababaan "Addunyaan walqixxee ta'e addunyaa fooyya'aa waan ta'eef." Jedhan.
Tokkummaan Mootummoota akka jedhutti shamarran baay’een har’a mana barumsaa keessa akka jiranii fi dubartoonni baay’een kan duraanii caalaa aangoo qabataniiru. Garuu ammallee hokkarri, loogii fi wal-qixxummaa maallaqaa dhabuun isaan mudataa jira jedha.
Barreessaan dureen Tokkummaa Mootummoota Antooniyoo Guterees walga’ii kanarratti akka himanitti, “Guddinni argamee duubatti deebi’aa waan jiruuf sana cinaa dhaabbachuu hin dandeenyu” kanaaf "Deebinee qabsaa'uu qabna." Jedhan.
Saffisa amma jiruun hiyyummaa hamaa kan dubartootaa fi shamarranii dhabamsiisuuf waggoota 130 nu fudhata jedhan Gutarrees.
Forum