Gareen ijaarsaa fakkii guddaa jechoota “Black Lives Matter” jedhu kan daandii Waayit Haawusti dhiyoo ta’e tokko irratti barreeffame Wiixata kaleessaa haquu jalqaban. Kunis, Kantiibaan magaalaa Waashingitan Miyureel Baawsar Doorsisaa fi giddu seensa prezidaant Tiraamp fi kongreesa Riipaablikaanoonni to’atamee dhiyeessan of irraa faccisuuf yaalaa yeroo jiranitti.
Boowsar torban darbe waltajjii hawaasummaa X irratti jijjiirama kana akeekuun akkas jechuun barreessaniiru: “Barreeffamnii kun namoota miliyoonaan lakkaa’aman kakaasee magaalaa keenya yeroo dhukkubbii isaa keessa akka darbuuf gargaareera. Amma garuu gidduu seenummaa kongireesii hiika hin qabneen yaadni keenya qabamuu hin dandeenyu. Dhiibbaan hamaan hojii federaalaa hir’isuun mudate yaaddoo keenya lakkoofsa tokkoo ta’uu qaba” jedhan.
Tarkaanfiin kantiibaa kun, erga pirezidaantichi aangoo qabatanii fi Rippabilikaanota kongireesii keessaa irratti, yeroo jalqabaaf jijjiirama yaadaa qaban agarsiisee jira. Dimookiraatii kan ta’an Baawsar, barreeffama kana akka hojjatamuu ajajuun, maqaa Black Lives Matter Plaza jedhee moggaasan. Kunis mormii diddaa ummataa Waxabajjii bara 2020 gaggeeffameetti ture.
Kunis guyyootaaf mormii jeequmsaan guutamee kan poolisiin poolisiin magaalaa Miniyaapolis ajjeefamuu Joorji Filooyid irratti raawwatamee sana booda ture. Baawsar Mormii kana akkaataan itti ibsan kallattiin Tiraamp waliin waldhabdee keessa galcheera. Pirezidaantiin yeroo sanaa Baawsar magaalaa ishee to'achuu dhabuu ishee himachuun, aangoo ofii fayyadamuun kutaa poolisii magaalaa guddittii akka to’aatan doorsisanii turan. Sanas hin hordofne garuu ejensii hedduu kan ofiin helikooptarootaan mormitoota sodaachisuuf lafatti dhiyaatanii akka balali'an labsan.
Forum