Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Nageenyaa Sudaan Kibbaa Keessatti Sababaan Ijoon Waliigaltee Bara 2018 Mallatteessame  Hojiitti Hiikuun Dhibaa’uudha: IGAD

Rakkoo Nageenyaa Sudaan Kibbaa Keessatti Sababaan Ijoon Waliigaltee Bara 2018 Mallatteessame  Hojiitti Hiikuun Dhibaa’uudha: IGAD
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:40 0:00

Muddama Sudaan Kibbaa keessatti uumamee jiru hordofee IGAD ibsa baaseen hoogganttoonni mootummaa Sudaan kibbaa kanneen to’annaa jala oolfamanii jiran akka gadiifama gaafate. Biyyoonni miseensota IGAD walitti bu’iinsuma Sudaan Kibbaa kana ilaalchisee Roobii Bitootessa 3 bara 2017 gama marsariitiin walga’ii godhataniin, hoogganoonni Sudaan Kibbaa muddama kana tasgabbeessuuf marii akka jalqaban gaafataniiru. Rakkoo nageenyaa biyyattii itti fufee jiruuf sababaa ijoon, walii galtee nagaa bara 2018 irra ga’ame hojiitti hiikuun boodatti harkifachuu ta’uu tuqaniiru. Gabaasa Iskinder Firew Tujubetu dhiyeessa.

Forum

XS
SM
MD
LG