Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aangawaan Tokkummaa Mootummootaa Doorsisa Hojjatoota Gargaarsaa Sudaan Kibbaa Irratti Ooffamu Balaleffatan


Aangawaan ol’aanaan ka Tokkummaa Mootummootaa, haala itti hojjetoonni gargaarsaa Sudaan Kibbaa keessatti rakkifamaa jiran balaaleffatan. “Hojjetoota gargaarsaa irratti hookkarrii fi doorsisni hojjetoota irratti gargaarsaa irratti oofamu, akka gargaarsi uummata garqaaramuu qabu gara miliyoona toorbaa hin dhaqqane danqaa itti tahe.” – jedhu.

Dhimma gargaarsa namoomaatti, gargaaraa barreessaa muummicha Tokkummaa Mootummootaa ka tahan – Maark Lowkuuk, baatiilee lamaan dabran keessatti qofa, Sudaan Kibbaa keessatti hojjetoonni gargaarsaa afur ajjeesamuu fi kudhan ka biroon qabamanii hidhamuu dubbatu.

Kas torban kana keessa Sudaan Kibbaa daawwatan – Lowkuuk, hookkaricha dhaabuufis tahe humnoonni gochaa kana raaw’atanii fi akka gargaarsi iddoo itti akeekame hin geenye danqan akka gochaa kana dhaaban gochuuf, qoodni mootummaanis tahe humnoonni hidhattootaa gumaachan baay’ee xiqqoo dha.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG