Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Itiyoophiyaa Gaazeexeessaa Baatii Tokko Dura Hidhan Haal Duree Tokko Malee akka Gadi Dhiisan CPJ’n Gaafate


Suuraa gaazexeessaa Muhiyadin Mohamed Abdullahi CPJn Yuutubee TV isaa irraa kaase
Suuraa gaazexeessaa Muhiyadin Mohamed Abdullahi CPJn Yuutubee TV isaa irraa kaase

Aangawoonni Itoophiyaa gaazexeessaa Muhiyadin Mohamed Abdullahi, kan ji’a tokko dura Guraandhala 13 to’annoo jala oole haalduree tokko malee gadi lakkisuu fi miseensota pireesii akka fedhetti hidhuu irraa akka of qusatan Koreen mirga Gaazexeessitoota falmuu ykn CPTn Kibxata kalessaa jedhee jira.

Fuula Feesbuukii isaa Muxiyediin show jedhamu irratti gabaasaa fi yaada kan maxxansu Muhiyadin, humnoota nageenyaa hidhatii isaanii hin beekamneen mana isaa magaalaa Jigjigaa keessa jiru irraa fuudhamee to’annoo jala ooluu isaa marsariitiin oduu walabnii Addis Standard jedhamuu fi dura taa’aan waldaa Gaazexeessitoota bulchinsa Naannoo Somaalee, Abdulrazaq Hassan gabaasaniiru.

Bitooteessa 4, aangawoonni Muhiyadin oduu sobaa fi haasaa jibbiinsaa tamsaasuun, akka seera haasawa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa Itoophiyaa cabsuun, himataniiru jedha Abdulrazaq fi waraabbii waraqaa himannaa CPJn gamaaggame. Muhiyadin yakkamaa ta'ee yoo argame hidhaa hanga waggaa shanii adabamuu danda'a.

“Aanga’oonni Mootummaa bulchiinsa Naannoo Somaalee, gaazexeessaa Fees Buukii ofii irratti namoota siyaasaa qeequu isaan qofa ta’e seeratti dhiyeessuun qabeenya ummataa qisaasuu waan ta’eef, dhiisuu qabu,” jedhan Afrikaatti Qindeessaan Sagantaa CPJ Afrikaa Muthoki Mumo. ''Aanga'oonni Muhiyadin hatattamaan gadhiisanii, galmee yakkaa irratti baname kuffisuu qabuus jedhan. Aanga’oonni Itiyoophiyaa yeroo waan gaazexeesonni jedhan itti hin tollee aadaa isaan hidhuu kana xumura itti tolchuu qabu” jedhan.

Abdulrazaq CPJtti akka himanitti, hojjettoonni nageenyaa Muhiyadin himannaas ta’e ibsa tokko malee, guyyoota jahaaf bakka hin ibsamnetti tursanii turan, Guraandhala 19 garu gara buufata poolisii goodina Fafan Jigjigaatti osoo hin dabarsin dura.

Muhiyadin Guraandhala 20 yeroo mana murtiitti dhiyaatu poolisiin olola sobaa tamsaase jechuun himate. Qorannoo dabalataa hanga gaggeessanitti, to'annaa jala akka turuuf guyyoota 10 kennameef jedha Abdulrazak.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG