Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan kiyya gaafa tokko humna te hinuma sooradhaa baradhu jedhee na gorse: Porofessor Gufuu


Porofeeser Gufuu Obamaa,nama akka jajjabaa keessa bahee addunyaa barnootaatti gadi bahe. Obbuu, Keenyaa, lafa namii hagii diqqaan qofatii itti baratetti dhalate. Gaafa tokkoo adoo innii foora re’ee jiru nyeencii itti oli seenee fudhatee badeen eegee akkuma itti bu’u bu’uu afaan nyeencaatii bu’e.

Eegee mana akimiif Mooyyalee geessanii .Gaafa tokkoo jaarroleen ollaa bulchaa lafaa ka gaafasii waliin akka namii ijoollee barsiifatu gorsuuf ollaa dhufan. Abbaa isaatiin ilmi keetillee ya barumsa gahee barumsa galchi jedhanii gaafatan. Abbaalleen ilma isaa horiin fedhee galchuu didee akkuma taheefuu ilmilleen sossobatee barmusa galche.

Porofeeser Gufuun afaan nyeencaatii bu’ee amma nama gorsaa fi falaa barbaadatan tahe.Qorannoo saayinsii 60 caalaa barreesse kitaaballee ittuma jira.Haga guddaan akka jireenna warra horii;loonii,gaalaa,re’ee fi qonnaa barnootaan jabeessanii addunyaan wal dhaqqabsiisan tolchuuf itti jira; addunya irra deemee wa barsiisaa wa barreessa.

Abbaa isaa durii horii naa tissita jedhullee mi’a barumsa argee jennaan “gaafa tokkollee taatu humna te hinuma sooradhaa barachuma baradhuu,” jedhee jabeessaa bae.

Akka profeeser Gufuun abbaa isaa maqeeffatee jedhetti dhiira jechuun ta waan fuute jabeessitu, abbaan isaalleen tanumaaf gorsaa bahe.

“Isii Gufuu ati bara hedduu barattee asiif(Kenya) fi Amerikaalleetti akkanumaa guyyuma tokkoo waan mataa keetiin hojjattee baafata qabdaa?” jedhee faa gaafata,”tanatti akka ani wa barreessu na tolchee,” jedha porofeeser Gufuun.

Porofeeser Gufuun namii barate,gosaa,biyyaa,maatii fi ufii barata,warrii ijoollee ammoo ijoollee barumsatti oofanii bira yaahuu mitii waan isaan hojjatan faana dhahuu malan.

Barumsa jechuun waan maatii fi biyya irraa barachuu fi barmusa walti dabalatanii guddifachuu, akka porofeeser Gufuutti.

“Namuu waan qabuun ha wal jajjabeessuu haa wal barsiisuu,”jedha porofeeser Gufuun.

Mee waan porofeeser Gufuu gaafanne MP3 tana irraa caqasaa.

XS
SM
MD
LG