Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abderrazak Hamdallah barana goolii 57 galfate Sadio Manee ammoo Liver Pool malkaa dabarse ijoolleen Afrkaa bara 2019 woma hedduun saadan


Liverpool's Virgil van Dijk attempts a shot at goal during the English Premier League soccer match between Liverpool and Tottenham Hotspur at Anfield stadium in Liverpool, England, Sunday, Oct. 27, 2019. (AP Photo/Jon Super)

Barii 2019 kun gama kubbaa miilaatiin woma hedduu himaniif.Ijoolleen Afrikaa kilaboota biyya alaa keessa jiran warra itti qajeelan woma hedduu bahuufitti jiran.

EPL keessaa Liver Pool dorgommii baranaa matuma keessa jirti.Kalee Wolves 1-0 moote.Akkanuma goolii wal qoqqocachaa qabxii 55 argatte, Leser Sititii qabxii 13n caaltee dura jirti.

Goolii takkattii kalee isiin mooteen sun gurbaa isiin Senegaalii bitatte Sadio Maaneetti galcheef.

Abderrazak Hamdallah dhalootaan Morookoo. Amma kilabii Sawudii Al Nasrii taphataa barana goolii 57 galche."Barana goolii 57 galchee guddoo gammadee jedhe.

Namii kun Onkololeessa 2019 tapha dhaabe malee adoo dhaabuu baatee silaa tanallee caaluu hin oolu.

Taphataan kubbaa miilaa Siwidinii fi Manchester Yuniytid Zlatan Ibrahimovich kilabii isaa ta durii yarachaa deemuutti jirtu faluuf kontoraata ji’a jahaa AC Miilan mallatteesse.

Gurbaan Gaabon ka Arsenaalii taphatu Pierre-Emerick Aubameyang barana goolii 13 galche. Taatullee sila sun caala galchuu male jedhaniin.

Ibraahimovichi Ammajii 2, 2020tti AC Miilaanitti darama. Ibraahomvich bara 2010/12 AC Miilaanii taphachaa bahee dorgommii 61tti goolii 42 galche.

Namii kun LA Galaxy ammo haga Bitoootessa 2018 taphateefii goolii 53 galcheef.

AC miilaaniin innii itti deebiu tun bara 2011 asitti waan guddoo moote hin qabdu. Dorgommiin kubbaa miilaa Amerikaa, American Football dhumachuutti jirti.

NFL, National Football league,liigii biyyoolessaa kubbaa miilaa Amerikaati. Kilabii 32 waliin taphata.

Akka kanaan Amerikaa AFC fi NFC jedhanii garee lamatti qoodanii taphatan.Warrii gama gamaa walit dhafe Super bowl waliin tapahta.

Kilabootii barana hin tahiniif manaajera isaanii jijjiiranii human haarettii itti barbaadachuutti jiran.

Akka kanaan gareen NEW York,Giants manaajera isii Shurmur hujii irraa buuftee manaajear isii Dave Gettleman, qaxarachuuf falachuutti jriti.

Red Skins gareen Washington DC Onkololeessa dabre keessaa leenjisaa isii,Jay Gruden hujii irraa gussite hardha ammo pirezidaantii siii Bruce Allen gussite.

Kilivilaandilleen leenjisaa isii Freddie Kitchens huji irraa buufatte.Garee 32 keesaa jahatti waancaaf walti hafa amma ammo 12 jira.Superbowl baranaa Gurrandhaa 2,2020 irra oolaa Miamitti taphatan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG