Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abdii Illee fi Jeneraal Kinfee Danyew Hidhaadhaa Gad-lakkisaman


Pireezidaantiin bulchiinsa naannoo Somaalee duraanii  maqaa isaanii Abdii Illeedhaan beekaman turtii wagaa ja’aan booda hidhaarraa gadhiifamaniiru (Suuraa faayilii)
Pireezidaantiin bulchiinsa naannoo Somaalee duraanii  maqaa isaanii Abdii Illeedhaan beekaman turtii wagaa ja’aan booda hidhaarraa gadhiifamaniiru (Suuraa faayilii)

Himannaan isaanii guyyaa kaleessaa addaan cituu kan himame Meejer Jeneeraal Kinfee Daanyew guyyaa hr’aa hidhaarraa hiikamaniiru. Ministirri haqaa Itiyoophiyaa guyyaa kaleessaa ibsa saba himaaleef kenneera kan jedhamerratti faayida uummataaf jecha daarikteera olaanaa Meeteek kan turan Mejeer Jeneraal Kinfee Daanyeew fi Pireezidaantiin bulchiinsa naannoo Somaalee duraanii maqaa isaanii Abdii Illeedhaan beekaman turtii wagaa ja’aan booda hidhaarraa gadhiifamaniiru.

Meejer Jeneeraal Kinfee Daanyew guyyaa hr’aa hidhaarraa hiikamaniiru.
Meejer Jeneeraal Kinfee Daanyew guyyaa hr’aa hidhaarraa hiikamaniiru.

Akkasumas Miseensa mana maree bakka bu’oota Uummataa Itiyoophiyaa kan ta’anii fi miseensi dhaaba mormituu ABIN Dr Dassaaleeny Caannee Amajjii 22, bara 2016 A.L.I tti mana jireenyaa isaaiirraa qabamanii to’annaa poolisii jala kan turan guyyaa kaleessaa gadhiifamuu isaanii Abukaatoon isaanii mirkaneessaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG