Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abishee Garbaa Eenyu?


Seenaa Abishee Garbaa kan ibsu kitaabni tokko dhiyeenya kana maxxanfamee gabaa irra oole. Abbaan isaanii Garbaa Hurruubaa bara 1830mootaa fi afurtamoota keessa qondaala waraanaa caffee Bulluq ykn caffee Bulluq kan naannoo Horroo turan.

Barreessaan kitaaba kanaa obbo Ginbaar Kagaraa Kumsaa akka ibsanitti Abisheen nama morka yookaan xiiqii jaal’atu.

Abisheen nama waa yaade gochuuf boodatti hin deebinee fi qaamaan yoo ilaalaman nama cimaa turan. Cimina qaama Abishee ibsuuf kanneen geeraran fardaan yeroo deeman lafatu jalaa socho’a jedhu.

Abisheen Erga abbaan isaanii Garbaa Hurruubaa du’anii booda mootii naannoo Horroo jedhamuunis ni beekaman.

Abiisheen kan ittiin beekaman keessaa sirna ykn seera gadaa humnaan cabsuu dhaan abbootii biyyaa naannoo sanaa of jalatti bulchee akkasumas caasaa bulchiinsa mataa isaa ijaaree uummata naannoo isaa bulchuu dhaan ture.

Gabaasa guutuu MPp3 tuquun dhaga’aa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG