Misaa’eela Baalistiikii lama kan Abu Daabii irratti qiyyaafachuun Wiixata har’a dhukaafame fashalsiisuu ishee Biyyi Tokkummaa Emereetoota Arabaa beeksiiftee jirti.
Ministriin ittisaa kan Biyyatti ibsa baaseen caccabaan misaa’eeloota darbatamanii kan kufan yoo ta’u balaan geesisanis hin jiru.Biyyattiin sodaa aggaamamuu kam iyyu tarkaanfii barbaachiisu irratti fudhachuun haleellaa kam iyyu ittisuuf qophii dha jedhee jira.
Torban dabree haleellaa riphxee looltonni Huttii gaggeessinee jedhan, kusaa boba’aa Abu Daabii haleeluun namoota 3 ajjeesee kanneen biroo 6 madeessuun ni yaadatama. Wal taatoota hoggantummaa Saa’udiin maadhee Riphxee looltoota Huttii kanneen Yaman keessaa irratti haleellaa hedduu gaggeessan keessaa Tokkummaan Emereetoota Arbaa tokko.
Midiyaan mootummaa Saawudii Dilbata kaleessaa akka gabaasanti Riphxee looltonni Huttii misaa’eela Baalastiik dhukaasuu isaanii, fi biyyatti gama kibbaa keessatti lafa dhahuu isaa akkasumas yoo xiqqaate nama tokko madeessuu gabaasan.