Xurree ittiin seenan

Breaking News

ABUT Deebisee Laaliibalaa To’atee Jira: Ijaan Arguu Nama Dubbatu 


Milishaa bataskaana Seyinti Joorji keessatti, Laalibalaa, Mudde 7, 2021
Milishaa bataskaana Seyinti Joorji keessatti, Laalibalaa, Mudde 7, 2021

Humnootiin Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(ABUT) deebi’anii magaala Laalibalaa qabachuu isaanii kanneen arginee jedhan Dilbata kaleessaa Rooytarsiif ibsanii jiru.

Kunis waraannii mootummaa fi wal taatoonni isaanii ABUTn duubatti deebisuuf duula adda waraanaa hedduun eega gaggeessanii torban lama ituu hin guutiin ta’u isaati.

Dubbii himaan mootummaa Itiyoophiyaa Dr. Laggasa Tulluu fi dubbii himaan waraana mootummaa Laalibalaan deebitee qabamte isa jedhu ilaalchisee deebii akka kennanii gaaffii Rooytars dhiyeesseef deebii hin laanne.

Dubbii himaan ABUT Getaachoo Raddaa akkasuma deebii hin laanne.Garu Twitarii irratti akka barreessanti, humnootiin keenya baayyee gaarii hojjataa jiru jechu bira taree gad fageenyaan kan jedhan hin qaban

Namoota ijaan arginine jedhan keessaa tokko, humnootiin Amaaraa Sambata dabree galgalaa kaasee Laaliibalaa gadhisaa ka jiran ta’u fi warrii dhumaa Dilbata kaleessaa ganama ba’anjedhe.Fagoo irraa dhukaasii dhaga’amaa kan ture yoo ta’u humnootiin Tigraay garu dhukaasa tokko malee magaala Laaliibalaa qabatan jedhu.

Kun deebi’ee ta’a jedhanii kan hin yaadne waan ta’eef, jiraattonni rifaatuun magaalattii keessaa ba’aa akka jiran, namnii biraa Roytarsiif ibsee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG