Xurree ittiin seenan

Breaking News

ABUT Deemsa Nageenyaa Seenuuf Tole Jedhee Jira


FAAYILII - Taankii barbadaahe, Edagaa Hamus, Tigraay, Waxabajjii 5, 2021. (Yan Boechat/VOA)
FAAYILII - Taankii barbadaahe, Edagaa Hamus, Tigraay, Waxabajjii 5, 2021. (Yan Boechat/VOA)

Kan humnootii mootummaa Itiyoophiyaa waliin wal waraanaa jiran Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(ABUT) battalumatti waraana dhaabuun deemsa marii nageenyaa maanguddummaa gamtaa Afrikaan gaggeeffamutti hirmaachuuf tole jedhee jira. Kunis jijjirraa yaadaa guddaa yoo ta’u mootummaan Fedeeraalaa kana irratti waan jedhe hin qabu.

Wal waraansii Itiyoophiyaa kaabaa keessatti gara dhuma bara 2020 jalqabamee gaggeeffamaa ture kun, lubbuu uummata kuma kurna hedduu kan galaafate yoo ta’u, uummata miliyoona hedduu yeeroo waggaa tokko caaluuf tataajiila bu’uraan ala taasisee jira.

Angawoonni Tigraay ibsa Dilbata kaleessaa galgala baasan kun, dhiibbaa haaraa Yunaaytid Isteetii fi kanneen biroo biraa irratti taasifameen yoo ta’u, kunis wal waraansa baatii dabree jalqabamee fi tasgabii hanga tokko baatileef argamee ture eega cabsee booda.

Gamtaan Afrikaa maanguddummaa gama Jila addaa Olusheeguun Obasaanjoon gaggeessuu kan qeeqan angawoonni Tigraay, ibsa haaraa baasan irratti ifatti akka ka’anti, araarteessoota gam lameeniin fudhatama qaban ta’u akka qaban akkasumas, taajjabdoota addunyaa argamuu fi hayyoonni deemsa kana akka hogganamu eegna jedhan.

Mootummaan Itiyoophiyaa marii iddoo fedheetti, yeroo kamiin iyyu haal duree tokko malee gaggeessuuf qohii ta’u isaa beeksisee jira.

Angawoonni Tigraay tajaajiilli bu’uraa cite akka itti fufuu akkasumas, looltonni biyya ollaa taate Ertraa akka ba’anii fi dhimmootii biros gaafatanii jiran.

Yunaaytid Isteet, gamtaa Afrikaa fi Tokkummaan mootummootaa ibsa haaraa aangawoonni Tigraay baasan kana simatan yoo ta’u , Amerikaan gama isheen, Ertraa fi kanneen maqaa hin dhahamiin ka biroon warra walitti bu’iinsa kanatti boba’aa naqan ykn hammeessan ittiin jette gocha kana akka dhaaban gaafattee jirti.

Antoniyoo Gutarrees Ibsa ABUT Baase Simatanii Jiru.

FAAYILII - Barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarrees, Hagayya 19, 2022
FAAYILII - Barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarrees, Hagayya 19, 2022

Barreessaa dureen Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarrees wal waraansa Itiyoophiyaa gama kaabaa keessaa battalumatti dhaabuun karaa nagaan furuuf qophii ta’u mootummaan bulchiinsa naannoo Tigraay ibsa baase siamatanii jiru jechuun dubbii himaan jaarmayichaa Steefan Juriikibsanii jiru..

Gamtaa Afrikaa jalatti deemsa nageenyaa gaggeeffamutti hirmaachuuf fedhii qabaachuun isaanii kan nama jajjabeessu jedhan Gutarrees.

Gamnii hundumtuu carraa Kana nagaa buusuuf akkasumas, hokkara guutuummaan dhaabuudhaan mariif gad taa’uu akka qaban gaafatan. Deemsa marii gamtaa Afrikaan gaggeeffamu kana amananii duubatti ituu hin harkiifatiin marii nageenyaa jalqabuuf, huduu haala akka mijeessan Gutarrees gaafatanii jiran.

Tokkummaan Mootummootaas deemsa nagaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamu deggeruuf qophii ta’us ibsan.Fuulbaana 11 kabajamee kan oolee waggaa haaraa Itiyoophiyaa sababaa gochuunis lammiwwan Itiyoophiyaa maraan, waggaa haaraa kan gammachuu fi nagaa siniif haa ta’u jechuun Gutarrees hawwii qaban ibsanii jiru jechuun steefan Juriik ibsanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG