Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abuuna Fraansiis Marii Ertraa fi Itiyoophiyaa Faarsan


Afrikaa keessatti wal- waraansa yeroo dheeraaf gaggeeffame keessaa tokko kan ta’e kan Ertraa fi Itiyoophiyaa kan ilaaleen mariin karaa nagaa gaggeeffamuu oduu gaarii dha jechuun Abuniin kaatoliika Romaa Poop Fraansiis faarsanii jiru.

Dhaabbati oduu Ashooshiyetid press akka gabaaseetti Pope Fraansiis kan kana dubbatan Dilbata kaleessaa amantoota waltajjii pitiis burg tii sirna kadhataaf walitti qabameef ture.

Walitti bu’iinsa gaggeeffamaa jiran hedduu keessaa Ertraa fi Itiyoophiyaa giddutti yaadii haaraan jalqabame kun seena qabeessa jechuun dubbatan pope Fraansiis.

Mootummonni lameen waggaa 20 booda walii wajjiin waa’ee nageenyaa dubbachuun biyyoota gaanfa Afrikaa ta’an lameenii fi guutuummaa ardii Afrikaa tti qaanqee abdii saaqe jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG