Xurree ittiin seenan

Breaking News

Adaba Du'aa Marsaa Lammataa


Mootummaan Itiyoophiyaa Oromoota murtii du'aa itti mureen shororkeessota balaa dhaqqabsiisani jedha. Dubartiin isaan waliin hidhamte immoo jarreen hiyyeessota yakka akkanaa waliin hidhata hin qabne, Isaan keessaa dubartiin tokko bakka daa'ima ishee keessu iyyuu dhabdee waliin hidhamtee jirti jedhu.


Televiziyonni Itiyoophiyaa Caamsaa 21 bara 2010 oduu dabarseen oromoota ja’a irratti adaba du’aa qabee hanga hidhaa fi adaba qarshii manni murtii Federaalaa kennu isaa beeksisee jira.

Akka kanaanis Shamarree Dirribee Ittaanaa, obbolessa isaani dargaggoo Darguu Ittaanaa fi aaddee Urgee Abbabaa adaba du’aatu murame.

Abban warraa aaddee Urgee kan ta’an Obbo Girmaa Reggaasaa hidhaa umrii guutuu, Obbo Indaalee Negerii hidhaa waggaa 10 fi waggaa sadiif jireenya hawaasummaa tii ala akka ta’an, Aaddee Warqinash Guutee hidhaa waggaa lamaa fi qarshii kuma lamaan akka adabaman itti murame.

Hiriira Mormii
Hiriira Mormii

Daani’eel Jaallataa namni jedhamu immoo, jedha gabaasaan Televiziyoona Itiyoophiyaan dhiyaate, minii-baasii Araat kiloo irraa gara Laga-haar deemaa ture dhuka'aan gubee balaa eega gessisee booda ofiis balaa sana keessatti gubatee lubbuun dabre. Adabbiin du'aa kenname prezidaantii prezidaantii Itiyoophiyaan eega raggaasisamee booda ka raaw'atamu tahuun illee ibsamee jira.

Kanneen adabiin itti murame keessaa aaddee Worqinaash Guutee, Caamsaa bara 2008 qabamanii hidhaa baatiilee saddeetii tii booda wabiin gadhiifaman. Kanaaf jecha murtiin inni dhumaa bakka isaan hin jirretti ture kan itti murame.

Namoonni sadeen duuti itti murame hiyyeeyyii mana namaa keessaa hojjetaa jiraatan waan turaniif, badii akkasii geggeessuuf karooraa fi dandeetii isaas kanneen qaban miti, jedhu Aadde Warqinash, Raadiyoo Sagalee Ameerikaa waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin.

"Namoota murtiin irratti dabre keessaa Aaddee Urgee Abbabaa, abbaan-manaa isaanii obbo Girmaanis mana hidhaa waan jiraniif, mucaa isaanii umuriin waggaa sadii waliin hidhamanii jiru." jedhu Aadde Warqinash.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG