Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addi Bilisummaa Ogaden Haleellaa Raawwateef Mootummaa Itiyoopiyaa Himate


Itti aanaa itti gaafatamaan koree hariiroo halaa adda bilisummaa biyyoolessaa Ogaden obbo Hasan Abdullahii namooti kun lafa itti ajjeefaman jedhamee fi ragaa kana attamiin argachuun akka danda’an yoo ibsan dhaabi keenya biyya keessaa fi biyya alaa keessatti hojjeta jedhan.

Kanneen nuu basaasanis waan jiraniif ragaa kana walitti qabuun nuuf salphaa dha jedhaniiru. Guyyaa dhuma haleellaan dhaqqabe argachuu baannus guyyaa itti aanu garuu nu dhaqqaba jedhu obbo Hasan. Humnootiin Ihadeg uummata hidhannoo hin qabne irratti fixiinsi oofan ijoollee fi nama guuddaa utuu hin jedhin saalaan utuu adda hin baasin namoota 100 ol ajjeesan jedhan.

Kunis jedhu obbo Hasan Abdullaahii Ihadeg uummaticha naannoo sanaa fonqolchuuf beekaa kan raawwatuu dha. Kunis shira karoorfame dha. Uummaticha fixuuf shira qophaa’ee dha jedhan Obbo Hasan. Ibsi addi bilisummaa Ogadeen ONLF baase sun akka jedhutti ajjeechaan sun naannolee boba’aan barbaadamu keessatti jedha.

Jimaata darbe naannoo Ogaden keessatti haleellaan kan irra ga’e hojjettoonni sagantaa nyaata addunyaa fixiinsi sun wayita raawwatatee waan aji ga’aniif jecha saaxil akka hin baafneef ajjeefaman jedha ibsi ONLF.

Hojiin Ihadeg jaarmolii gargarsa namoomaa uummata Ogadeniif gargaarsa akka hin goone waan ta’eef shofeera sana kan ajjeese humnootii mootummaa ti jedhan obbo Husen.

Dubbi himaan mootummaa Itiyoopiyaa Obbo Shimelis Kamaal immoo ONLF-n shororkeessummaa dhaan himachuu dhaan haleellaa sana kan raawwate jedhan. Obbo Husen Rakkoo jiru gareen mirga namaa fi gaazexxeesonni akkasumas qaamni walabaa naannoo sana seenanii haala jiru akka qoratan tokkummaa mootummootaatti barreeffamaan dhiyeeffannee deebii eegaa jirra jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG