Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaan shororkeessummaa Afrikaa keessaaf Ilaalcha Kennuu Qaba:Hogganoota Afrikaa


Pirezidaantii Moozaambiik Filipe Nyusii (suuraa faayilii)
Pirezidaantii Moozaambiik Filipe Nyusii (suuraa faayilii)

Ardii Afrikaa keessattuu kan naannoo Saahel irratti xiyyeeffannoon akka kennamuuf Biyyoonni Afrikaa Kibxata kaleessaa gaafatanii jiru.

Kanas, gola naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaaf kan ibsan yoo ta’u, lammiwwan Afrikaa miidhamtoota haleellaa shororkeessummaa addunyaa keessaa jiran keessaa gara walakkaa akka ta’an ibsan.

Baatii keessa jirru Bitooteessa kanaaf dura ta’aa gola naga eegumsaa kan ta’an Pirezidaantiin Moozaambiik Filipe Nyusii carraa kana fayyadamuun, “shororkeessummaan balaa addunyaa ta’us, haalli Afrikaa keessaa, caalaatti murteessaa ta’ee jira” jechuun mana marichaaf ibsaniiru.

Jecha isaanii kana kan dhageessisan ambaasaaddaroonni biyyoota Afrikaa walitti aansuun, gareewwan shororkeessummaa saba isaanii irratti balaa geessisan irratti mari’ataniiru.

Ragaan shororkeessummaa addunyaa irraa agarsiisuu tokko akka jedhuutti, bara darbe miidhamtoonni shororkeessummaa 100 keessaa harkii 48 lammiilee Afrikaa akka ta'an ni agarsiisa kan jedhan Pirezidaantiin Moozaambiik, 'naannoon Sahel wiirtuu haleellaa shororkeessummaa haaraa taateetti'' jedhan.

Kanneen dubbatan hedduun hojii gareewwan, shororkeessummaa bal’inaan gammoojjii hanga tokko kan Sahaaraa gadii keessatti hojjetan baay’ee isaan yaaddeessuu dubbatan.

Akka Tokkummaan mootummootaa jedhutti, biyyoonni Saahel, Burkina Faasoo, Kaameeruun, Chaad, Gaambiyaa, Giinii Mooriitaaniyaa, Maalii, Niijer, Naayijeeriyaa fi Senegaal kan dabalatudha.

Galmeen Shororkeessummaa Addunyaa irraa isa haaraan akka jedhutti, waggoota 15 darban keessatti lakkoofsi namoota shororkeessummaaf miidhaman harka 2,000n dabaluu isaa kan ibsu yoo ta’u, naannoo sana keessatti Burkina Faasoo sadarkaa tokkoffaa irra kaa’eera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG