Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaan Tokkummaa Jabaan Hojjachuun Bu'a Qabeessa.


waggootii dhufan 10 keessatti dhukkuba Eedsii ittisuu qofa otoo hin taanee dhabamsisuu dandeenya jechuun barressaa dureen Tokkummaa Mootummotaa Baan Kii Moon beeksisaniiru.

Kana hojii irra oolchuuf michoota adunyaa irra jiran waliin tokkummaa jabaa uumuu, baasii sagantaaleef oolu gad cabsuun sagantaa fooyya'a lafa kaa'uu, amanamuummaa argachuuf cichaan hojjachuu, fayyaa mirga dhala namaa kabajaa dhukkubsattootaa eeguu fi duula gaggeeffamu keessatti humna dargaggootaa fi teeknooloojii qunnamtii kan ammaayyaa gargaaramuu dha jedhan.

Gama kaaniin immoo qorannaan dhiyeenya kana gaggeefame tamboo xuxuu fi dhukkuba kaansarii dhaluu dhiiraa ykn "prostate cancer" giddu hidhati akka jiru beekSISee jira.

Sababaa tamboo xuxuun gosii kaansarii nama qabu 10 kan caalu ta'uun ibsameera.

Gabaasaa guutuu mp3 tuquun dhaggeefadhaa.

XS
SM
MD
LG