Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afaan Oromoo teeknoloojjii hammayyaa maraan walii gala


Qopheessaan Windows Odaa Nabee “Operating System” ykn Tudhummii Ululaa of danda’ee hojjetuu dha jedhu.

Qophii keenya kana duraa keessatti waajjiraalee Oromiyaa keessa jiran keessatti “Software” Mosaajjiin Fuguga jedhamu kan dhaabbata openofice.org Afaan Oromootti hiikamee hojii irra ooluu isaa biiroon IT Oromiyaa nuuf ibsuun isaa ni yaadatama.

Qophii keenya har’aa irratti immoo ogeessa waa’ee kompiyuutaraa Tudhaamii Ululaa ykn "Windows Operating System" kan Afaan Oromoo uume tokko waliin gaaffii fi deebii geggeessine dhiheessina.

Obbo Tamasgeen Tasfaayee jedhamu. Bara 2004 keessa Yunivarsitii Finfinnee irraa barnoota IT (Information Technolgy) tiin eebbifaman. Yeroo ammaa biyya Israa'eel jiraatu. “Tudhummii Ululaa” kan Afaan Oromoo “Windows Odaa Nabee” jedhu uumaniiru.

Windows Odaa Nabee kan dhaabbati biraan hojjete irraa kan hiikame otuu hin ta’iin haaraa Afaan Oromoon kan barreeffamee fi of danda’ee kan hojjetu. Obbo Tamasgeen eeyama abbummaa ykn “copy right” mootummaa Israel biraa argachuu isaaniis nuuf ibsaniiru.

Windows Odaa Nabee Tudhummii Sululaa vaayiresii Kompiyuutara faaluun galmee ol kaa’amee balleessuu danda’u jalaa of dhoksuu kan danda’u ta’uu kan nuuf ibsan, Obbo Tamasgeen, Tudhummiin sululaa kun marsaalee Afaan Oromoo haga tokko irrattis maxxanfamee beeksisamaa jiraachuu isaas dubbataniiru. Waa’ee kanaa caalaatti hubachuuf http://windowsodaanabee.webs.com yoo seentan argachuu dandeessan.


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG