Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afaar Keessatti Mooraan Baqattootaa Kan Yeroo Ijaaramuuf Jira 


FAAYILII- Dubartoota magaala Samaraa keessatti hoteela Agdaa jedhamu keessa, bakka UNHCR qopheesse ta'aanii galmaahuf dabaree eeggatan, Guraandhala 14, 2022
FAAYILII- Dubartoota magaala Samaraa keessatti hoteela Agdaa jedhamu keessa, bakka UNHCR qopheesse ta'aanii galmaahuf dabaree eeggatan, Guraandhala 14, 2022

Bulchiinsa naannoo Afaar keessa kan jiru mooraa baqattoota Barahallee keessaa baqattoota Ertraa dheessaniif, dhannaa yeroo qopheessuuf karoora kan qabu ta’u, bulchiinsii dhimmootii baqattootaa fi kanneen deebi’anii beeksisee jira.

Kunis kanneen haleellaa irra deeddebi’ee gaggeeffameen kanneen dheessaniif yoo ta’u magaalaa Semeraa irraa gara kaabaatti fageenya kiloo meetra 40 irratti ta’uun jaarmayichi ibsee jira.

Mooraa Barhallee irratti dhiyeenya kana haleellaa meeshalee gurguddoo fi bombii ABUT Gaggeessee jedhameen yoo xiqqaate baqattonni 6 ajjeefamaniiru.

ABUT gama isaan humnoottiin hidhannoo meeshalee gurguddaa qaban kan maqaa humnootii afaar kan galaana dimaa ofiin jedhan Tigraayti irra deeddebi’uun haleellaa gaggeessuu jechuun himata.

Paartileen morkattootaa kannee Afaar keessaa, rakkoo gargaarsa dhala namaa kutaa sana keessaa fi haleellaan ABUT gaggeessuu jedhan aakasumas looltonni isaanii konyaa hedduu keessa jiraachuu irraa yaaddoo qaban ibsaa jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG