Xurree ittiin seenan

Breaking News

Affaar Keessatti Walitti Bu’iinsa Uumameen Uummanni Kuma 75 Qe’ee Irraa Buqqa’uun Gabaasame


Faayilii - Miseensa Humna Addaa Afaar, Bisoobar Tigraay, Adoolessa 22, 2021.
Faayilii - Miseensa Humna Addaa Afaar, Bisoobar Tigraay, Adoolessa 22, 2021.

Naannoo Affaar godina afur naannoo Fentii Rasuu walitti bu’iinsa waraanaa adda bilisummaa Uummata Tigraay waliin geggeessamaa jira jedhame torban tokko kan darbe yoo ta’u, hanga ammaatti aanaalee ja’a keessaa namoonni kummi 75 qe’ee irraa buqqa’uu itti gaafatamaan waajjira ittisa balaa fi wabii nyaataa naannoo sanaa Mehammed Huseen VOAf ibsaniiru.

Lakkoobsi buqqaatotaa ibsamuu irraan kan hafe naannoo walitti bu’iinsi keessa jiru keessa namoonni jiraatan haala akkamii keessa akka jiran waan beekame dhabamuun kan isa yaaddessu ta’uu waajjirichi beeksisee jira.

Balaa uumamaa irra deddeebi’uun harki namaa fi uumaan fide gragaarsa namoomaa irraan dhiibbaa geessisuu itti gaafatamaan kun hin dhoksine.

Humna naannoo sanaatiin rakkoo sanaaf furmaata kennuun akka hin danda’amne, komiishina hooggana soda balaa federaalaaf ibsuu isaanii kan beeksisan itti gaafatamaan kun deggersa itti dabalaa argataa jiraachuu tuqaniiru. Buqqaatotaaf itti gaafatama nyaata dhiyeessuu kan qabu mootummaa dha kan jedhan obbo Mehaammed, naannoo isaaniitti kan argaman jaarmoliin gargaarsaa kan sadarkaa addunyaa hojii gargaars namoomaa irratti akka hirmaatan yaaliin godhamaa jiraachuu ibsaniiru.

Rakkoon sun itti fufee battala jijjiiruun hin danda’amu taanaan, uummanni walakkaa miliyoonaa caalu kan naannoo sanaa rakkoo gargaarsa namoomaa keessatti kufa yaaddoon jedhu jidraachuu obbo Mohammed ibsaniiru.

Dubbi himaan adda bilisummaa uummata Tigraay Geetaachoo Redaa AFPf akka ibsanitti, naannoo Oromiyaa irraa kanneen dhufaniif hidhattoota Oromiyaa naannoo Affaar turan irra haleellaan hangi tokko raawwatamuu amananiiru.

Bulchaan naannoo Affaar Awwal Arbaa namoonni hangi tokko weerarri sun kan nu irratti raawwatameef sababaan waraana nananoo Oromiyaa irraa dhufe simachuu keenyaan jedhanii amanu, kun garuu dogoggora, dhugaan isaa nuyiin humnootii Itiyoopiyaa irraa adda baasuuf yaadamee kan raawwatee dha jechuu isaanii AFPn ibsuun isaa ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG