Mootummaan naannoo Affaar hidhattoonni naannoo Somaalee dhalattoota nagaa naannoo Affaar irratti haleellaa raawwatan jechuun himate. Haleellaa sanatti aansuu dhaan daandiin Finfinnee dhaaf Jabuutii wal agarsiisu yeroo murtaa’eef cufamee akka ture ibsamee jira.
Haleellaan sun raawwatamuun kan ibsamei,, Affaarii fi Somaaleen gandeen isaan kan kooti jechuun irratti wal falman sadii keessaa tokko kan taate Unduufoo irratti. Naannoon Somaalee humnootii nageenya federaalaan eegumsi akka godhamuuf kan murtaa’e gandeen sadii keessaa, hidhattoonni naannoo Affaar ganda lama irratti haleellaa raawwachuu dhaan dhalattoota saba Somaalee dhibbaan laka’aman ajjeesuu isaanii fi mootummaan federaalaas eegumsa isa irraa eegamu waan hin ba’iniif gara ganda sadaffaatti poolisii naannoo erguu isaaf gandattii irratti haleellaa raawwaachuuf kan turan hidhattoota Affaar of irraa deebisuu isaa ibsee jira.
Naannoon Somaalee itti dabaluu dhaan sabaa himaan falmii Affaarii fi Somaalee gidduu jiru madaala eeganii gabaasaa hin jiran jechuun qeeqee jira. Mootummaan naannoo Affaar guyyaa kaleessaa ibsa baaseen, naannoon Somaalee waraana natti bane jechuun himate. Naannoon sun ibsa sanaan, roobii ganama sa’a 11 irraa jalqabee naannoleen lamaan kan irratti wal falman gandeen keessaa Unduufoo fi naannoo iseetti haleellaa raawwatameen horsiisee bulaa miidhaan ga’uu beeksiseera.
Mootummaan naannoo sanaa ibsa kenneen miidhaan hagamii akka dhaqqabe tuquu baatus, kan ijaanan arge jedhan ogeessi ittisa balaa naannoo Affaar obbo Kadir Ahimed, namoonni 50 ol ajjeefamaniiru jedhan.
Naannoon Affaar ibsa isaa keessatti “Juntaa gama bahaa” jechuun kan ibse humna poolisii addaa Somaalee, TPLF waliin wal ta’ee haleellaa na irratti raawwate jechuun himate. Naannoon Somaalee garuu himannaa sana haaluu dhaan, Hundufoo keessatti walitti bu’iinsi uumamuu amanee, kan haleellaa raawwachuuf dhufan warreen Affaari jedhee jira.
Gandeen falmisiisoo sadan keessatti irra deddeebi’uun walitti bu’iinsi uumamaa kan ture yoo ta’u, muummicha ministeeraa dabalatee hoogganno federaaalaa sadarkaa ol aanaa jaarsummaan jidduu seenuu fhaan kan walitti araarsan hoogganni naannoon Affaarii fi Somaalee, walitti bu’iinsi gandeen kana keessaa dhiiga dhangalaasise waan dhaabate hin fakkaatu