Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Joo Baayiden Kanneen Buufata Xayyaaraa Kaabul Cinatti Haleellaa Raawwachuun Lubbuu Galaafatan Ijaa Ba'uuf Dhaadatan


Prezidaant Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden
Prezidaant Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden

Dho’iinsi boombii of wareegaa buufata xayyaara Kaabulitti namoota 100 ol erga galaafatee booda, jamaan namoota Afgaanistaaniin gad dhiisuu akkaan barbaadan, xayyaaronni namoota gamasii baasan balalii waan itti fufaniif jecha jimaata har’aa gara buufata xayyaara Kabulitti deebi’ee jira.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden kanneen haleellaa kamisa galgala buufaxa xayyaara Kabul cinaatti raawwachuun yoo xiqqaate hojjettoota waraana Ameerikaa 13 fi siivilota hedduu kanneen biyya Taliban to’ate jalaa dheessuu barbaadan galaafatan ijaa ba’uuf dhaadatan.

"Kanneen haleellaa kana raawwatan, akkasumas eenyu illee kan Ameerikaa miidhuu barbaadu yoo jiraate, kana haa beekan: Nuti dhiifama hin goonu,” jechuu dhaan Baayiden haasaa guutuu biyyaa dhageessisaniin beeksisaniiru. “Si adamsinaa, garii ni baafta” jedhan.

Gareen IS erga of wareegodonni lama bakkawwan lama kan buufata xayyaara Hamid Karzaayiitti dhiyoo jiru irratti boombii ofitti dhoosanii booda caasaa oduu isaa kan Telegraam irratti haleellaa sanaaf itti gaafatama fudhachuu isaa beeksise.

Baayiden akka jedhanitti ajajaawwan waraanaa ISIS, hooggana isaa fi keellaalee isaa dha’uuf karoora duulaa akka qopheessan ajajaniiru. Bakka ofii keenyaa filannii fi battala ofii keenyaa filannetti humnaan sirriitti deebii ni kennina jedhan. Prezidaantichi erga dubbatanii booda, dubbi himtuun White House ergaa sana irra deebi’anii cimsanii dubbachuu dhaan shorokeessota kana ni adamsinaa, bakka isaan jiranitti ni ajjeefna jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG