Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afgaanistaan Keessatti Kanneen Talaallii Pooliyoo Kennaa Turan 5 Ajjeefaman


Angawoonni biyya walitti bu’iinsaan bututte Afgaanistaan, namoonni qawwee hidhatan ogeessota fayyaa talaallii pooliyoo kennan shan itti dhukaasuun ajjeesanii hedduu immoo halleellaa ka biro konyaa Nangarhaar keessaatti raawwataniin madeessuu beeksisanii jiran.

Afgaanistaanii fi Hollaan ishee Paakistaan addunyaa keessaa biyya dhibeen nama laamshessu pooliyoon keessatti babal’atee jiru dha.

Angawoonni akka jedhanitti Jalalabaad keessatti ganama har’aa haleellaan raawwatame, ennaa duulli biyyoolessaa kan talaallii ijoollee waggaa shanii gadiif kennamaa turetti.

Hoogganaan kutaa talaallii naannoo Jan Mohammad VOAf akka ibsanitti haleellaa lubbuu galaafate sanatti aansee duula talaallii sanaa rarraasanii jiran. Haleellaa qindoominaan geggeessame sanaaf battala kan itti gaafatama fudhate hin jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG