Xurree ittiin seenan

Breaking News

CPJ: Bara, 2015 duwwaa gaazexeessota 69tu ajjeefame kana keessaa 11 Afrikaatti


Faayilii- Gulaaltota baruulee Keenyaa beekkamaa Deeyilii Neeshiin (Daily Nation), Sadaasa 10,2015
Faayilii- Gulaaltota baruulee Keenyaa beekkamaa Deeyilii Neeshiin (Daily Nation), Sadaasa 10,2015

Koreen mirga gaazexeesitootaa eeguuf dhaabate (CPJ) akka jedhutti bara kana duwwaa addunyaa keessaa gaazzexeessota 69 ajjeefame, baayyeen immoo harka ISIS fi humnoota akka Al_Qaayidaatti du’an.

Biyyoota gaazexeessonni itti du’an kana kessaa biyyoota akka Suudan Kaabaa, Sumaalee, Keenyaa, Liibiyaa,Gaanaa fi biyya ollaa Afrikaa kan taate Yemen faattu keessa jira.

Waaweeruu Muugoo, Keenyaatti woggaa 15n darbaniif gaazxeessaa yeroo ta’u amma dhaaba gorsaa gaazexeessummaa ofii dhabbatee hojjata.

Akka Muugoon jedhutti gaazexeessitoonni Afrikaa mootummaan isaan sodaachisuu fi hojii isaanii gulaaluu irraa kan ka’e rakkoo guddaa keessa jiran. Kun immoo miidiyaan walabaa akka hin baballanne gufuu ta’uusa dubbatan.

Seera tumtoonni Keenyaa ji’a Onkoloolesaa darbee kana keeyyata miidiyaan biyyattii dhimma paarlaamaa gabaasuu dhowwu dabarsuuf yaalii godhanii turan.

Feeliksi Odimaasii yuunversitii Naayiroobiitti damee seeraa fi dipiloomaasii iirra, akka jedhutti Afrikaa keessatti mootummaan tumsa kennuu dhiisuurra kan ka’e gaazexeexssitonni kesssumattuu bakka walitti bu’iinsif lolli jiru deemanii gabaasurraa of-qusatan.

Dhaabbanni mirgaa dhala namaatiif falmu, Amnesty International gama isaatiin Afrikaan Kibbaa karoora “transformation” jedhutti fayyadamuudhaan miidiyaa tohachuudhaf dhiibbaa gochaa jiraachusaatii fi Itiyoophiyaattis gaazexeessitonnii fi hojjattoonni miidiyaa bayyeen hidhamuu isaa gabaasera.

Dhiheenyuma kana gaazexeessaa TV naannoo Oromiyaa kan ta’e Fiqaaduu Mirkaanaa hidhamuun isaa ni yaadatama.

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:06 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG