Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afriikaa Keessaa Weerarri COVID-19 Hammaachuun Gabaasame


Faayilii - Hohhattoota fayyaa Protooriyaa, Afrikaa Kibbaa
Faayilii - Hohhattoota fayyaa Protooriyaa, Afrikaa Kibbaa

Vaayiresiin koronaa Afriikaa keessaa ennaa ardittiin weerara marsaa sadaffaatti seentutti kan akka weerara isa duraa kan torbanitti namoonni 120,000 vaayiresichaan qabamanii fi baatii Adoolessa bara 2020 keessa galmeessamee keessaa torban torbaniin dhibba irraa harka 20 oliin dabaluu isaa jarmayaan fayyaa addunyaa beeksisee jira.

COVID-19 torbanitti namoota 116,500 hanga baatii waxabajjii 13 kan qabe yoo ta’u, kan torban isa duraa irra 91,000n ol guddate. Ardittii keessaa namoonni miliyoonni shan qabamuun gabaasamee jira.

Biyyoota Afriikaa 22 keessaa biyyoota ardittii dhibba irraa harka afurtama keessatti dhibba irraa harka 20n ol guddatee jira. Lakkoobsi namoota du’anii immoo biyyoota 26 keessatti dhibba irraa harka 15n ol dabaluun gabaasamee jira.

Afriikaan yeroo ammaa walakkeessa weerara marsaa sadaffaa irra jiti. Kan akkaan dabalaa dhufe dhimmi yaaddessaan kun namni martinuu tarkaanfii hatattamaa akka fudhatu gochuu qaba.

Hindii fi biyyoota ka biro keessaa vaayiresiin koronaa attam caasaa eegumsa fayyyaa akka dhiphise argineejirra. Kanaaf qorannaa geggeessuu, adda baasuu dhaan dhukkubsattootaaf kunuunsa gochuu akkasumas namoota vaayiresichaan qabaman waliin kanneen wal argan battala faana dha’uun barbaachisaa ta’uu WHOtti daayirkiterri naannoo Dr. Matshidisoo Moetii beeksisaniiru.

XS
SM
MD
LG