Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afriikaa Keessatti Waggaa Kana COVID-19 Hammaatu Iyyuu Lakkoobsi Namoota Du’anii Akkuma Gad Xiqqaatetti Jira


Afriikaatti torban xumura baatii muddee 12, namoonni kuma 196 haaraan vaayiresii kanaan qabamaniiru
Afriikaatti torban xumura baatii muddee 12, namoonni kuma 196 haaraan vaayiresii kanaan qabamaniiru

Sababaa vaayiresii koronaa omikroon fi Delta jedhamaniin kan ka’e weerarri kun Afriikaa keessaa dhibba irraa 83 dabaluu iyyuu kan kana duraa irra namoota xiqqootu du’an, garuu akka tilmaama jirutti, ardittii keessaa hanga Hagaya bara 2024tti guutummaan talaalliin waan wal hin geenyeef weerarri dabaluu akka danda’u xiinxalli jarmayaa fayyaa addunyaa haaraan beeksisee jira.

Afriikaan, torban xumura baatii muddee 12, namoonni kuma 196 haaraan vaayiresii kanaan qabamuu kan galmeessite yoo ta’u, torban isa dura jiru immoo namoonni kummi 107 qabamuun, walumaa gala erga weerarri kun ka’ee lakkoobsa namoota vaayiresichaan qabamanii miliyoona 8.9n ga’ee jira.

Lakkoobsi namoota COVID-19n qabamanii yeroo ammaa guyyaa shan shaniin dacha dabalaa jira. Faca’inni vaayiresichaa saffisaa adeemu iyyuu, lakkoobsi namoota du’anii akkuma xiqqaatetti kan jiruu fi torban isa duraa irra torban darbe dhibba irraa harka 19n gad xiqqaatee jira.

Weerara amma jiruun lakkoobsi namoota du’anii fi akkaan dhibamanii gad aanaa dha ennaa jennu of eeggannoo dhaani, garuu raabsiin talaallii Afriikaa keessaa ariifatuu dhabuun lamaanuu akkaan ol kaasuu mala jechuu dha jechuu dhaan WHO Afriikaatti daayirikterrittiiin Dr. Matshidisooo Mo’eettii dubbataniiru.

Vaayiresiin haraan kan akka Delta, Omikroon addunyaa irraa weerara haaraa dhaqqabsiisuuf mul’ataa jiran, garuu naannoleen talaallii hin arganne kan akka Afriikaa daran saaxilamoo ta’uuf jiru jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG