Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afriikaan Kibbaa Du’a Qabsaa’aa Farra Appaartaayidii fi hayyuu seeraa Joorj Bizoosiif Gaddaa Jirti 


Lammiiwwan Afriikaa kibbaa kan Neelsen Mandeellaaf abukaatoo ta’uun beekaman du’a qabsaa’aa farra appaartaayidii Joorj Bizoosiif gadda itti dhaga’ame ibsaa jiran.

Abukaato hidda dhalata Girikii kan ta’an Biizoos bara waraana addunyaa lammaffaa gara Afriikaa kibbaatti kan dhufan baqataa ta’uun yoo ta’u kaleessa galgala bakka maatiin isaanii argamanitti mana ofii keessatti du’aan boqochuu isaanii maatiin isaanii har’a ibsanii jiran. Biioos umuriin isaanii waggaa 92 ture.

Prezidaant Siriil Ramaafoosaa ibsa kaleessa kennaniin, Biizoos biyya keenyaaf hayyuu seenaa cimaa dha jedhan.

Bizoos Mandeellaa fi kanneen biroo sirna loogii sanyii appaartaayidiitti duuluu keessaa qooda qabaatanii fi bara 160moota keessa isaan waliin himatamanniif abukaatoo turan.

Erga Mandeellaan mana hidhaatii hiikamanii prezidaantii gurraacha biyyattii isa jalqabaa ta’uun filatamanii booda Biizoos heera biyyattii cimaa ta’e qopheessuu keessatti qooda qabaataniiru

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG