Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afriikaan Kibbaa Weerara COVID 19 Marsaa Sadaffaatu Isee Mudate


Afriikaan kibbaa weerara sadaffaa cimaa kan vaayiresii koronaa isee mudachuun prezidaanti Siril Ramaafoosaa “Delta variant “ jedhamu gosi vaayiresii koronaa akkaan daddarbu akka hin facaane ittisuuf uggura sochii haaraa akka labsan isaan dirqiseesiise.

Prezidaantichi ibsa televiziyonaan dhiyachuun dilbata galgala ibsa kennaniin, vayiresiin “Delta Variant” jedhamu kun kutaalee biyyattii shan keessarrti argameera jedhan.

“vaayiresiin kun akkaan faca’uun hedduu hamaa dha jedhan. Har’a galgala dhimmi ariifachisaa kana irratti kan ani nan dubbada jedheefis kanaafi jedhaniiru. Daran hamaa ta’uu baatus, akkaataa namoonni baay’inaan itti qabamaa jiran namoonni hedduun gara dhukkubsachuutti geessee wal’aansa fayyaa akka argatan gochuuf deema. Kanaaf of eeggannoo itti dabalaa gochuu qabna jedhan.

Uggurri sochii kunis wal ga’iin bifa kami iyyuu ugguramuu, manneen barnootaa cufamuu, dhugaatii alkoolii mara gurguruu dhaabuu, mana nyaataa seenanii nyaachuu, uggura sa’aa cimaa hojii irra oolchuuf kanneen seera irra daddarban seeraan gaafachiisuu of keessaa qaba.

Afriikaan kibbaa talaallii baatii Guraandhalaa keessa argachuu kan jalqabde ta’us, kan biyyattiin tallaaluu barbaaddu uummata miliyoona 40 keessaa miliyoona 2.7 qofaatu tallaalii kana fudhate.

XS
SM
MD
LG