Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaa Kibbaa Keessatti Haleellaan Jibbinsa Lammii Alaarraa Madde Hammaataa Deeme, Jedhu Baqattoonni  


FAYILII - Haleellaan jibbinsa lammii alaarraa gahu mormuudhan namoota hiriira bahan, Ebla 23, 2015.
FAYILII - Haleellaan jibbinsa lammii alaarraa gahu mormuudhan namoota hiriira bahan, Ebla 23, 2015.

Afrikaa Kibbaa keessatti gurmuuleen baqattootaa, sababaa “miidhaa jibbinsa lammii alaa tu nu irratti geggeessamaa jira, jedhaniin baatii dabre irraa jalqabanii waajiraalee Tokkummaa Mootummootaa achi jiru dura buufachuudhaan, akka biyya aka gara biyya sadaffaatti isaan dabarsan kadhataa jiran.

Namoonni Burundii , Koongoo, Maalaawii fi Ruwaandaa irraa gara sanatti baqatan kun, biyyoota isaaniitti deebi’uun akka nagegeenya isaaniitti balaa tahee fi biyya itti baqatan – Afrikaa Kibbaa keessatti immoo akka hin simatamiin dubbatu. Irra jireessi baaqattoota kanaa, kanneen waraansa dheessuudhaan Ripublikii Dimookiraatawaa Koongoo irraa gar sana deemani.

Jibbinsa lammii alaa Afrikaa Kibbaa keessa jiru irraa kan ka’e manneen jireenyaa fi manneen daldalaa isaanii samamuun, dhuunfaatti haleellaan irratti geggeessamuun akka dabalaa deeme dubbatu.

Hookkaraa fi ajjeechaa dabalatee gochaaleen jibbbinsa lammii alaa irratti hundaa’e bara 2008 irraa jalqabee Afrikaa Kibbaa keessatti daran hammataa dhufe.

Baqattoonni irra jireessi biyya sadaffaatti dabarfamuuf carraan jiru baay’ee xiqqaa dha. Dhaabnii baqattootaa kan Tokkummaa Mootummooraa(UNHCR) akka jedhutti guutummaa addunyaa irratti baqattoonni biyya itti baqatan irraa sababaa adda taheen biyya sadaffaatti dabarfamaniin qubsiifamuuf carraa argatan dhibba irraa harka tokko qofa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG