Prezidaantiin Baankii Addunyaa, Kiim Yoong Kiim, har’a gaazzexessotaaf kennaniin, qindaa’inni dinagdee biyyootaa fi imammatoonni daldala jajjabeessan, biyyoota Afrikaa keessatti yeroo ammaa xiqqoo ta’uun kan nama yaaddessu ta’uu dubbatan. Korri walii-galaa ka Dhaabbata Maallaqa Addunyaa fi Baankii Addunyaa, as mgaalaa Waashington keessatti ennaa geggeessamaa jirutti kana dubbatan, Mr. Kiim.
Sagantaa keenya kaleessaa irratti, bakka korri Dhaabbata Maallaqa Adduhyaa fi Baankii Addunyaa geggeessamaa jiru irraa, waahelli keenya – Henook Semmaagzeer akka gabaasetti --- dinagdeen Itiyoophiyaa, waggaa keessa jirru kana keessa akkuma qorretti kan itti fufu ta’uu, Dhaabbatni maallaqa Addunyaa beeksisee jira. Waggaa dabre, dhibba keessaa harka kudhanii fi qabxii lamaan ka guddatee ture – dinagdeen biyyolessaa Itiyoophiyaa, gara dhibba keessaa harka afurii fi qabxii shaniitti gad-bu’a – jedhama.
Prezidaantichi Baankii Addunyaa, Kiim Yoong Kiim, ibsa har’a kennan keessatti - Iyyummaa xiqqeessuuf, biyyoonni naannoo walitti-dhufuun waliin hojjechuu fi daldalaaf haal miijessuu akka qaban, yoo rakkoon baqattootaa Awurooppaa keessaa hin furamne, akkasumas – carraan dinagdee guddisuu fi daldalaa biyyoota naannoo Saahelii fi biyyoota naannoo Gaanfa Afrikaatti babal’isuu hin guddannee fi hin jajjabaanne, naannooleen sun hagam daranuu madda baqattootaa fi godaantotaa ta’uu akka danda’an hubachiisanii jiran.