Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaan Kibbaa Hospitaaloota Ishee Qopheessaa Jirti


 Wiirtuu qorannoo vaayrasii koronaa, Darban, Afrikaa Kibbaa, Muddee 3, 2021
Wiirtuu qorannoo vaayrasii koronaa, Darban, Afrikaa Kibbaa, Muddee 3, 2021

Vaayrasiin haaraa argamee Omikroon jedhamu namoota ishee dabalataan qabaa akka jiru kanibsistee Afrikaan kibbaa, cisanii akka wal’ansa argatan gochuuf jecha Hospitaaloota oshee qopheessaa akka jirtu beeksiifte.

Kunis weerara KOOVIID-19 kan marsaa 4ffaatti biyyatti geessaa kan jiru ta’u prezidaantiin biyyatti Kriil Raamaafosaa har’a ibsanii jiru.

Vaayrasiin kun yeroo jalqabaaf jiraachuun isaa kan labsamee Afrikaa Kibbaa keessatti yoo ta’u, kunis sadarkaa addunyaatti mootummonni weerarrii vaayrasii kanaa ka marsaa biraa dhufuu mala jechuun sodaatanii of eeggannoon akka jabeessan taasisee.

Afrikaa Kibbaa keessatti lakkoobsii namoota qabamaa jiranii inni Wiixata torban dabree guyyaatti gara 2300 ture Jimaata dabree immo gara Kuma 16tti dabalee jira.

Peezidaant Raamaafosaan barruu oduu torbaniin ba’u irratti akka jedhanti, vaayrasii inni haaraan Omiikron jedhamuutu, kutaalee biyyatti 9 keessatti caalmaatti nama qabaa jira.

Kanaaf jecha uummanni talaalii farra dhukkuba KOOVIID-19 akka talaalamuuf gaafatan.

Hayyonni Saayinsii kanneen Afrikaa Kibbaas ta’e biyyoota ka biroo keessa jiran, vaayrasii haaraa argamee kun, caalaatti daddabraa, kan dhukkuuba hammeessuu fi talaalii yeroo ammaa jiran dura ni dhaabata yoo ta’e baruuf qorataa jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG