Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaatti Kooviid gadi bu’aa jira- WHO


FAAYILII - Talaallini vaayrasii koronaa yeroo kennamu, Hoospitaala Sewweettoo keessaa, Afrikaa Kobaa
FAAYILII - Talaallini vaayrasii koronaa yeroo kennamu, Hoospitaala Sewweettoo keessaa, Afrikaa Kobaa

Afrikaa keessatii faffaca’iinsii Kooviid 19 yeroo jalqabaatiif gadi bu’uu agarasiisuun isaa ibsame.

Akka ibsii dhaabataa fayyaa adduunyaa irraa bahe jedhetii ergaa gostii haaraan koroonaa Omikroon jedhamuu argamee as guyyootan 56f hedduu dabalaa deemaa kan ture lakkoofsii namoottan vaayiresichaan qabamanii akka gabasaa amma Amajjii 16ti jirutti 20% kan gadii bu’e yemuu ta’u, duutii namaa imoo 8% tin gadi bu’ee jira.

Afrikaan kibbaa bakkii vaayirasiin Omokiron dursee itti argame torban Afuran darban keessatti lakkoofsii namoottan haaraa qabamanii heduu kan gadii bu’ e Yemuu ta’uu , Afrikaa kaabaa keessatti imoo 55% dabaleeraa jedha ibsii WHO.

Amma Amajjii 16/2022 lammiileen Afrikaa miliyooniin 10 yemuu vaayiresichaan qabaman,namoonni 233,000 immoo du’aniiru .

Karaa tallaalitiin yemuu ilaalamu amma ammaatti Afrikaanonni tallalii fudhatan 10% qofa. Afrikaan amma amaatti tallaalii Doozii Miliyoonii 500 argattus kan ojii irraa oole garuu Doozii Miliyoonii 327 qofa.

Baraa 2022 kanatti jiraattota Afrikaa 45% ta’an tallaaluudhaaf ji’atii tallaaliin Doozii miliyoonii 250 hanga 300 tii akka qaqqabuu qabu gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG