Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Abiyyi Ahmad Abbotii Qabeenyaa Biyya Alaa Afeeran


Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad gumii dinagdee addunyaa Daavoos keessatti gaggeeffamu irratti hasawaa dhageesisanii abbotiin Qabeenyaa Biyya Alaa Itiyoophiyaa keessatti hojii invastmantii akka gaggeessan Afeeran.

Carraaqqii biyya keessatti ta’een Baatiilee darban sagaliif mootummaa isaanii foyya’insa gama siyaasaa fi dinagdeen hatattamaan fudhate tarreessan.

Uummata Itiyoophiyaa miliyoona dhibba tokko keessaa miliyoonni jaatamni dargaggoota umriin isaanii waggaa 24 gad ta’uu kan dubbatan Dr. Abiyyi carraa hojii banuuf guddina dinagdee fi barnootaa barbaachisaa akka ta’e hubachisan.

Gumiin dinagdee addunyaa kan waggaa Swizarlaand keessatti jalqabamuun kun falmii waa’ee daldalaa jabaatee akkasumas Briteen gamtaa Awurooppaa keessaa ba’uu akkasumas dinagdeen addunyaa dadhabaa adeemuun yaaddoo ennaa uumetti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG