Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeefamuu Hojjettoota Gargaarsaa Ilaalchisuun Ibsa Embasiin Ameerikaa Kenne


Mootummaan Yunaayitid Isteetis Itiyoopiyaa kessatti kan argaman qaamonni hidhatanii jiran hojjettoota gargaarsa namoomaaf egumsa akka godhan gaafatee jira.

Mootummaan Itiyopiyaas hawaasa gargaarsa namoomaa dabalatii nageenya lammiiwwanii mirkaneessuu gama ilaaleen qooda ol aanaa qaba. Itti dabaluu dhaanis qaamonni hidhatanii jiran seera namoomaa kan sadarkaa addunyaa kabajuu qabu.

Qaamonni hidhatan kun gargaarsi danqaa tokko malee itti fufiinsaan kanneen gargaarsa barbaadan akka dhaqqabu gochuu qabu jedhee jira. Haala dhiyeenya uumameen miseensi hojjettoota michoota USAID kessaa tokko gammoojjii Tembeen keessatti Eble 28 loltoota Eetraa fi Itiyoopiyaan ajjeefamuu Tigraay irraa gabaasamee jira.

Kanneen ijaan argan akka ibsanitti ofii isaa sirriitti hojjetaa gargaarsa namoomaa ta’uu itti himee waraanaan utuu hin ajjeefamin dura lubbuu isaa akka oolchaniif kadhatee ture.

Haalli akkasii hojjettoonni gargaarsaa guyyaa guyyaan Itiyoopiyaa keessaa ennaa hojjetan, nagaa fi nageenyi naannoo sanaa gad adeemuu isaa akkasumas rakkoon namoomaa fi mirga namaa hammaataa adeemuu isaa mul’isa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG